1 Yaa obboloota nuti akka isin waayee ayyaana Waaqayyoo isa waldoota Maqedooniyaatiif kenne akka beektan ni barbaadna. 2 Otoo dhiphina baay'eedhaan isaan qoramuutti jiranuu, gammachuun isaanii irra caala, akkasumas iyyuma akka maleen isaanii arjummaan badhaadhina gudaa isaanii buuseera. 3 Isaan haga danda'an, haga danda'an qofa otoo hin ta'iin haga danda'anii olillee akka fedhii isaaniitiin kennan ani dhugaa nan baha. 4 Isaanis akka tajaajila qulqulloota Waaqayyootiif godhamuu irratti akka hirmaachuu danda'aniif akka carraa argataniif jabeessanii nu kadhatu turan. 5 Kunis kan ta'e kan nuti eegne ol ture, isaanis garuu dursanii Gooftaadhaaf mataa-ofii isaanii kennan, achiinis immoo akka eyyama Waaqayyootiin nuf of kennan 6 Kanaafuu, Tiitoon kanaan dura isiin walakaatti hojii arjummaa jalqabe kana akka xumuruuf isa kadhannee turre. 7 Isin garuu akkuma waan hundaan jechuunis amantiin, dubbiin, beekumsaan, cimina hundaa fi jaala isin nuuf qbdan akkuma caaltan akkasuma hojii arjummaa kanaanis caaltanii argamtan ni barbaadna. 8 Ani kana kanan jedhu isin ajajuuf miti, garuu cimina namootni biraa agarsiisanii wal bira qabe jaalala dhugaa keessan ilaaluufi malee. 9 Isin ayyaana Gooftaa Iyyasuus Kiristoos ni beektuu. Inni otoo dureessa ta'ee jiruu, isiniif jecha iyyeessa ta'e, kana irraa kan ka'e iyyuummaa isaatiin isin dureeyyii taatan. 10 Waan kana irratti gorsa isin gargaaruu isiniif kenna. Waggaa darbe, isin waan tokko hojjachuuf jalqabuu qofa otoo hin ta'iin isa hojjachuuf yaaduu keessanis malee. 11 Ammas isa xumuraa akkuma duraan fedhii fi hawwii gochuuf qabdan sanatti, akkasuma immo isinis amma dandeessan gara fiixaan baasuutti isa fida. 12 Egaa isin kana gochuuf fedhi yoo qabaattan, waantii kunis gaariidha fudhatamas ni qaba, inni kunis kan hundaa'uu waan namni tokko qabuu irratti malee waan hin qabne irrattii miti. 13 Kunis akka isin rakkattanii warrii kaan immoo itti toluuf otoo hin ta'iin akka wal-qixxummaan jiraatuufi dha. 14 Yeroo amma akka waantii isin irraa hafu hirdhina isaanii waan isaaniif barbaachisu guuta. Akkasumas immoo waantii isaan irraa hafes waan isiniif barbaachisu hirdhina keessan ni guuta, kanaanis waan qabdan waliin geessu. 15 Innis akkuma akkana jedhamee barreeffameedha . "Isa baay'ee walitti qabeefis irraa hin hafneef, isa xiqaa walitti qabeefis immo hin haqanne ." 16 Yaada gaarii ani isinif qabu kana Waaqni inni onnee Tiitoo keessa kaa'e haa gaalatoomu. 17 Innis gara keessan kan dhufe kadhannaa keenya fudhatee qofa miti. Kaka'uumsa fedhii ofii isaatiifi hawwii guddaadhaan ture malee. 18 Nutis isa waliin obboleessa kan wangeela lallabuun waldoota hunda biratti beekamaa ta'e ergineerra. 19 Kana qofa otoo hin ta'ii , obbolleessi kun hojii arjummaa kan nuti ulfina Gooftaaf namoota biroo gargaaruuf fedhii gaarii qabnuu keessatti akka nu waliin hojjatuuf waldootaan filaatame male. 20 Hojii arjumaa raawwanuu kana keessatti akka eenyumtuu nu hin yakkineef of-eegganna. 21 Nuti waan gaarii kana kan hojjannu, fuldura Gooftaa qofatti otoo hin ta'iin fuldura namaa fuldurattis malee. 22 Akkasumas nuti isaan waliin obbolleessa biraa ni ergina. Nutis isa karaa baay'ee qoruun hojii baay'ee irratti nama gaarii ta'u isaa arginee jirra. Ammas inni amantii isin irraa qabaachuu irraa kan ka'ee kan kanaan duraa caala yaada. 23 Waa'ee Tiitoos immoo isa waliin tokko taanee kan waliin isiniif hojjanuudha. Obboloonni keenyas, waldoota irra ergamoota kan ta'aniidha. Isaanis Kiristoosiif ulfinaadha. 24 Kanaafuu jaalala keessan isaanitti agarsiisuun mirkaneessaa saba waa'ee isiniin boonuufis waldootatti muldhisaa.