Boqonnaa 7

1 Yaa jaalatamtoota, egaa nuti erga abdii akkana qabaannee, Waaqayyoo sodaachaa qulqullumaa keenya guutuu haa taasifnu, waan fooniif hafuura xureessu hunda irraa of haa qulqulleessinu. 2 Bakka nuuf kennaa! Nuti nama tokkollee hin miidhne, nuti nama tokkollee hin yakkine yookin nama tokkollee hin mooksine. 3 Kana jechuun koo isin onnee keenya keessaadha kan jiratan nuuf duunus jiraannuus waliini. 4 Ani amantii guddaan isin irratti qaba, waa'ee keessaniin baay'een boona, ani jajjabeenyaan guutameera. Ani takkina keenya hunda keessatti gammachuu daangaa hin qabneen guutameera. 5 Yammuu gara Maqeedooniyaa dhufnu qamni keenya boqonnaa hin arganne ture. Karaa hundaan dhiphina, karaa alaatiin mormii fi karaa keessa immoo sodaacha turre malee. 6 Garuu Waaqayyo inni warra gaddan jajjabeessu dhufaatii Tiitootiin nu jajjabeesse. 7 Waaqayyo kan nu jajjabeesse dhufaatii isaatiif qofa miti. Jajjabeenya Tiitoo isin biraa fudhateefis malee. Innis akka isin baay'ee na yaadda, gadda keessan fi inaafaa naaf qabdan nutti himeera. Kanaafuu ani isa durii caala gammadeera. 8 Xalayaan koo akka gadditan isin godhuullee, ani itti hin gaabbu. Garuu xalayaan koo yeroo gabaabaadhaaf isiin gaddisiisuu yammuun arguu gaddeera. 9 Ani amma gammadeera, sababa isin gadditaniif otoo hin ta'iin, sababa gaddi keessan gara qalbii jijjiirachuutti isin fideefi male. Isin kan shaakalaa jirtan gadda akka fidhii Waaqayyootiin waan ta'eef. Kanaafuu isin sababa keenyaan homaa hin dhabne. 10 Gaddii akka eyyama Waaqayyootiin ta'u qalbii jijjiirrannee akka gara fayyinaatti fidu malee gaabbi hin qabu. Gaddii inni addunyaa irraa dhufu garu du'a fida. 11 Gaddii akka eyyama Waaqayyoo ta'e kun akka isin gad-of-qabdaniif waan guddaa isin keessatti akka fide. Dandeetiindhugaa keessan amma guddaa, sodaan keessan, hawwii keessan, inaaffaa keessan fi dheebuu isin akka qajeelummaan ta'u arguuf qabdan kanneen akka Waaqayyoo isiniif baayi'see mee laalaa. Isin warra yakka hin qabne ta'uu keessan karaa hundaan of agarsiiftaniittu. 12 Egaa kaniin ani isiniif barreesseef sababbii isa miidheef yookin isa miidhameef otoo hin ta'iin akka isin ammam nuuf of kennittan ofuma keessanii fuula Waaqayyo duratti of argitaniif jedheen malee. 13 Nutiis waan kanaanbni jajjabaanna. Nutti toluu keenya irrattis dabalee, sababa Tiitoon gammadeef nutiis caalmaatti gamadneera, sababa isa isin hundi keessan hafuura isaa boqachiiftanii fidha. 14 Ani isiniin boonuu koo isatti himeen ture, isinis na hin qaaneessine. Karaa biraatiin garuu akkuma waantii nuti isinitti himne sun dhugaa ta'e, waayee keessan Tiitootti boonuun keenyas dhugaa ta'uun isaa mirkanaa'ee jira. 15 Innis ajajamuu hunda keessanii akkasumas sodaa fi hollannaa ittiin isa simattan sana yammuu yaadatu jaallalli inni isiniif qabu isa duraa caala dabalaa deemee. 16 Ani isin irratti amantii qabaachuu kootiif nan gammada.