1 Waaqayyoo waliin waan hojjanuuf, egaa nuti akka isin ayyaana Waaqayyoo akka waan gatii hin qabneetti hin fudhanne imaanaa isiniin jenna. 2 Akka inni akkana jedhetti. Kunoo yeroonichis ammaadha. 3 Akka tajaajilli keenya fudhatama hin dhabneef, eenyumattuu gufuu ta'uu hin barbaadnu. 4 Haa ta'u malee, karaa hundaan nuti ofii keenya akka tajaajiltoota Waaqayyootti of-dhiyeessina, obsa guddaadhaan, rakkinaan, gidiraan, dhiphinaan, 5 reebamuun, hidhamuun, jeqamuun, baay'ina hojjiitiin, hirriba dhabuun, beelaan, 6 qulqullinaan, hubannaan, obsaan, arjummaan, Hafuura qulqullun, jaalala dhugaatiin, 7 dubbii dhugaatiin humna Waaqayyootiin. Nuti meeshaa waraanaa isa qajeelumaa harka mirgaa fi bitaatti qabachuun. 8 Ulfinaa fi salphinaan, habaaramuu (arrabsamuu) fi galateeffamuun, akkasumas otoo dhugaa qabnuu sobdoota jedhamneera. 9 Nuti otoo beekamoo taanuu akka namoota hin beekamneetti lakkaawamneera, kunoo otoo jiraataa tanee jiruu akka waan duneetti lakkaawamneera, hojii keenyaaf tumamnuus (reebamnuus) kunoo hin ajjeefamnu. 10 Nuti akka gadditootaatti lakkaawamnuus garuu yeroo hunda gamadoota, iyyeeyyii taanuus, namoota baay'ee sooressina, akka waan homaa hin qabnee taanuus, garuu hunduu keenya. "Yeroo sirrii ta'etti si dhagayeera, guyyaa fayyinaatis si gargaareera" 11 Yaa warra Qorontoos, nuti waan dhugaa ta'e hundaa ifatti isinitti himneera, onnee keenyas isiniif bannerraa. 12 Isintuu onnee keessan nu dhokfatee malee, nuti garuu isin hindhokfanne. 13 Egaa amma akka ilmaan kootiittin isinitti dubbadha, akkumaa nuti isiiniif banneetti isinis akkasumatti ofi nuuf banaa. 14 Namoota warra hin amannee waliin karaa hintaaneen waliin hin camadamiinaa. Qajeelaan yakka waliin waliqunnamtii maalii qaba? Ifitiis dukkana waliin tokkumaa maalii qaba? 15 Kiristoosis Bi'eel waliin waliigaltee maalii qaba? Yookin kan amanee isa hin ammanneen waanti waliin qoodatan maaliidha. 16 Manni qulqullummaa Waaqayyoo waaqota tolfamoota waliin walii galtee maal qabu? Nut mee mana qulqulummaa waaqa jiraati, akkuma Waaqayyoo akkana jedhetti "Ani isaan walakaan nan jiraadha, isaan jidduun nan deeddeebi'a. Ani Waaqa isaanii nan ta'a, isaanis saba koo ni ta'u. 17 Kanaafuu "Isaan jidduudhaa koottaa baha isaan irraayyis fo'amaa" jedha Gooftaan Wantoota xuraawaa hin xuqiinaa Anis isinin simadhaa. 18 Ani Abbaan isiniif ta'a isinis ilmaan dhiiraa fi durbaa naaf taatu"