1 Nuti manni keenya -inni dunkaana lafaa irraa kan nuti keessa jiraannu kun diigamu illee, kan Waaqaan ijaarame ni qabna. Inni mana isa harka namaatiin ijaarameedhaa miti, garu mana barabaraa samii dhaa qabna. 2 Mana keenya isa samii sana uffachuuf hawwaa isa dunkaanaa kana keessatti ni aadna. 3 Sababa yoo nuti isa uffanne qullaa taanee hin argamneef nut kanaafuu ni hawwina. 4 Nuti warri dunkaana kana keessa jiraannu, waan ba'aan nutti ulfaateef ni aadna. Nut qulla ta'uu hin barbaadnu. Uffaachuu barbaadna malee, kanaafuu inni du'u isa jiraatuun liqimfama. 5 Kan waan kanaa nu qopheesse inni Waaqayyoodha, inni waan dhufuufbHafuura akka wabiitti nu kenneera. 6 Kanaafuu yeroo hunda amantiidhaan jiraanna, amma foon kana keessa jiraanuutti, akka Gooftaa irraa fagaannee jiraannu ni beekna. 7 Nuti amantiidhaan adeemna malee ijaan ilaalaatii miti. 8 Kanaafuu, nuti amantii qabna, Nuti foon irraa gargar baanee akka Gooftaa waliinbjiraanu ni filanna. 9 Kanaafuu, nuti fooniin jiraanuus isa irraa gargar baanee jiraanuus kaayyoon keenya Isa gammachiisuudha. 10 Nut hundi keenya teessoo barcuma murtii kiristoos fulduratti ni dhiyaanna, tokko tokkoon namaas yeroo fooniin jiraachaa ture hojii hojjateef waan gaarii yoo hojjate yookiin waan badaa yoo hojjate gatii hojii isaa ni argata. 11 Kanaafuu nut Gooftaa sodaachuun maal akka ta'ee waan beeknuuf akka namootni amanan gonna. Nut eenyu akka taanee fuldura Waaqayyootti ifaadha, kunis immoo qalbii keessaniif akka ifa ta'ees nan abdadha. 12 Nuti akka isin nuun boontaniifi malee deebifnee of galateeffachuuf miti, kunis akka isiin waa'ee waan onnee keessan keessa jiru otoo hin ta'iin, garuu waan qaamaan muldhatuu of jajuu keessaniif deebii kennitaniifi. 13 Nuti yoo qalbiidhaan ala taane Waaqayyoofiidha, garuu immoo qalbii siriidhaan yoo taane bu'aa keessanifiidha. 14 Kanaafuu jaalalli kiristoos nu dirqisiisa, sababni isaas, akka namni tokko hundaaf akka du'eefi kanaafuu hunduus akka du'an nuti waan irra geenyeefi. 15 Inni hundaaf du'eera, kanaafuu warreen lubbuun jiraanis isa isaaniif jedhee du'eefi du'aa ka'eef malee ofii isaaniitiif hin jiraatan. 16 Sababa kanaan, amma irraa kaasee nama tokkollee haala foonitiin hin madaallu, nuti kanaan dura yeroo tokko Kiristoosiyyuu haala foonitiin madaalle ture. Garuu kanaan booda haala kanaan hin goonu. 17 Kanaafuu, namni kamiyyuu yoo Kiristoosiin ta'e, inni uumama haarraadha. Waantootni moofaan darbeera, kunoo isaan haaraan dhufaaniiru. 18 18Waantootni kanneen hundi Waaqayyoo biraayyi, Innis karaa Kiristoosin ofitti nu araarsee tajaajila araaraa nuufis kenne. 19 19Innis Waaqayyoo cubbuu namootaa isaan irratti lakkaawu dhiisee karaa Kiristoosiin adduunyaa ofitti araarsaa ture. Innis ergaa araaraa sana nuu kenneera. 20 Kanaafuu nutis bakka bu'oota Kiristoos, Waaqayyoos karaa keenyaan waamicha isa dhiyeessa. Nutis "Waaqayyoo waliin araaramaa" jenneetti Kiristoosiin isin kaadhanna. 21 Akka nuti karaa isaatiin qajeeliina Isaa taanuuf, Waaqayyoo nuuf jedhee isa cubbuu hin qabnee sana cubbuu godhe