1 Kanaafuu, nuti akkuma araara arganneen waan tajaajilluuf, abdii hin kunnu. 2 Haa ta'u malee, nuti karaawwan dhoksaa fi nama qaanessan (saalfachiisan) dhifneerra. Nuti karaa nama gowwoomsuu keessa hin deemnu, dubbii Waaqayyoos hin haqanqaallu, garuu dhugaa ifatti dubbachuun Waaqayyoo fulduratti qalbii nama hundumaa keessatti of dhiyyeessina. 3 Garuu yoo wangeelli keenya aguggiffamellee, kan aguggifame isaan warra badaa jiran qoffatti dha. 4 Karaa isaaniitiin, waaqni addunyaa kanaa qalbii hin ammanne isaanii jaamse. Kanaafuu, isaan ifa wangeelaa kan ta'e ulfina kiristoos, inni isa fakkenya Waaqayyodhaa arguu hin danda'an. 5 Nut kan lallabni kiristoos Iyyasuus Gooftaa ta'uu malee ofii keenyaadhaa miti, nut mataan keenya kiristoosii jennee tajaajiltoota keessanii dha. 6 Waaqayyoo inni "Dukkana keessaa ifti haa ifu" jedhe sun, fuula Kiristoos duratti ifa beekumsaa isa ulfina Waaqayyoo nuu kennuuf garaa (onnee) keessatti ibseera. 7 Haa ta'u malee humni baay'ee guddaa kun Waaqayyoo irraa malee akka nurraa hin taane agaarsiisuuf qabeenya kana xuwwee suphee keessaa qabna. 8 Nuti kallattii hundaanuu ni dhiibamna malee hin cacabnu, nuti bitaa nuti gala malee abdii hin kutnu. 9 Nuti ni hariyatamna malee hin gatamnu, ni kufna malee hin badnu. 10 Akka jireenyi Iyyasuus qaama keenyatti baannee deemna. 11 Nuti warrii amma lubbuun jirru akka jireenyi Iyyasuus foon keenya isa du'u kana irratti muldhatuuf yeroo hunda. Iyyasuusif jennee, du'atti dabarfamnee kennamna. 12 Kanaafuu egaa, duuti nu keessatti kan hojjatuu dha, garuu jireenyi immoo isin keessatti kan hojjatuu dha. 13 Akkuma "Ani amaneera, kanaafuu dubbadheera" jedhamee barreffame, nutis akkasuma hafuura amantii ni qabna. Kanaafuu, nutis ni amanna akkasuma ni dubbannas. 14 Sababni akka isa Gooftaa Iyyasuus du'a keessaa nu kaasee isin walin fula isaa duratti nu dhiyeessu ni beekna. 15 Waanti hundinuu bu'aa keessaniif ta'ee, ayyaanni namoota baay'ee bira gaha jiru sun akka sababa galatni ulfina Waaqayyootiif dabalamuuf jedhameeti. 16 Kanaafuu nuti abdii hin kutnu. Yoo eenyumaan keenya inni alaa badullee, eenyumaan keenya inni keessaa guyyaa guyyaadhaan haaroomfamaa deema. 17 Dhiphinni keenya inni yeroo fi salphaa kun akka gara ulfina barabaraa isa dorgammii hin qabneetti nu fida. 18 Kanaafuu nut kan eegachaa jirru wantoota muldhatanii otoo hin ta'iin, wantoota isaan hin muldhannee dha male. Waantootni muldhachuu danda'an kan yerootiidha, waantootni isaan hin muldhanne garuu kan bara baraatii dha.