Boqonnaa 3

1 Nu ega deebinee ofjaju jalqabnaaree? Akkuma namoota biroo, xalayaa deeggarsaa isiniif yookin isin biraa hin barbaadnu, barbadnaaree? 2 Xalayaan deeggarsa keenyaa kan nama hundan beekamuufi dubbiffamu, kan onnee keenya irratti barreeffame isin ofuma keessaniidha. 3 Isin kan muldhiftan xalayaa kiristoos irra isa bu'aa tajaajila keenyaa dha. Innis kan barreeffame otoo halluu hin taanee garuu Hafuura Waaqa jiraataan ture. Innis kan barreeffame gabatee dhagaa irratti,otoo hi ta'uun, gabatee onnee namaa irratti ture. 4 Amantiin nuti karaa kiristoosiin fuldura Waaqayyootti qabnus kanaadha. 5 Nuti ga'uumsa nurraayyii jennee dubbaan waan tokkollee ofuma keenyaa hin qabnu. Ga'uumsa keenya waaqayyoo irraayyi malee. 6 Inni akka nut tajaajiltoota kaku haaraa taanuuf dandeetii nu kenne Waaqayyoo dha. Kakuun inni kan xalayaa dha moti kan Hafuuraati malee. Xalayaan ni ajjeessa, Hafuurri immoo jireenya kenna. 7 Amma tajaajila du'aaf dhagaa irratti seerri bocame sun ulfina isa ilmaan Israa'eel kallattiu dhaan fuula musee ilaaluu hindandeenye fideedha. Kunis sababa ulfina fuula museeti, ulfina isa darbu. 8 Egaa tajaajillu Hafuuraa immoo hagam caala ulfina haa qabaaturee? 9 Tajaajilli addabbi yoo ulfina qabaate, tajaajilli qulqullinaa immoo hagam ulfinaan caalmaa haa qabaaturee? 10 Waanni kanaan dura yeroo tokkotti ulfina qabu ture, sababa ulfina caaluu isa itti fufu biraatiin amma ulfina hin qabu. 11 Egaa inni darbu sun ulfina yoo qabate, ulfina inni dhaabatee jiraatuu immoo hagam ulfina caalmaa hin qabaatuu! 12 Egaa nuti abdii akkanaa waan qabnuuf, ija jabeenya guddaa qabna. 13 Nuti akka Musee isa ilmaan Israa'eel yammuu fuulli isaa calaqisu haga ulfinnisun dhumee darbutti waan kallattiitti arguu hin dandeenyeef fuula ofii carqii dhaan haguugu sanaa dha miti. 14 Haata'u malee garuu sammuun isaanii jabaa ture. Sababnis amma hardhaatti haguugiin sun waan irraatti hafeef. Innis kan ka'u kiristoos qofaan waan ta'ee fi dha. 15 Hardhuma illee yammuu museen dubbifamu hunda haguuggiin sun onnee isaan haguugeera. 16 Garuu namni tokko yommuu gara Gooftaatti garagalu, haguuggichi ni fuudhama. 17 Gooftaan Hafuura dha. Bakka Hafuurri Gooftaa jiruu, biliisummaan ni jira. 18 Amma nuti hundi keenya, fuula hin haguuggifamneen, ulfina Gooftaa illaalla. Nuti akkum Gooftaa, isa Hafuuraa dhaa fakkaachuuf akkasumatti ulfina sadarkaa tokko irraa isa biraatti jijjiiramna.