1 Kanaafuu anii karaa kootiin isin gaddisiisuuf akkan lammata deebi'ee hin dhufnee murteeseera. 2 Ani yoon isin gaddisisee ilee, eenyutuu na gammachiisuu danda'a isin warraan ani baay'ee gaddisiisa malee? 3 Akkanatti barreessuun koo yammuun gara keessan dhufee ture namootni na gammachiisuu qaban akka na gaddisiifnee jedheenii Akka gammachuun koo gammachuu hunda keessanii ta'uu ani hunda keessan nan amana. 4 Ani akkanatti yammuun isinii barreessuu ture gadda guddaa, dhiphina onnee fi imimmaan baay'ee waliin. Akka isin dhiphataniif mitti ani kaniin isiniif barreessa Gad faggeenya jaalalan ani isinif qabu akka beektan barbaadeeni malee. 5 Namni kamiyyuu sababa gaddaa yoo ta'e, otoon dubbii hin guddisiin kan gaddisiise ana qofa otoo hin ta'iin isinittis ba'aa qofa otoo hin ta'iin hunda keessan gaddisiiseera. 6 Addabbiin kan kan harka irra jireessaan nama sana irratti fudhataa gahaadh. 7 Kanaafuu ega amma isa adabuu irra, isin dhiifama isa godhaatii jajjabeessaa. Kana godhaa, yoos inis gadda guddaa kanaan abdii hin kutuu. 8 Kanaafuu ani akka isin jaalala isaaf qabdan mirkaneesitaniifiin isin gorsa. 9 Kanaafuu ani akka isin waan hundaan ajajamoo taatan beekuufan isin qoruuf jedheen kana barreesse. 10 Nama isin dhiifama gootaniif hundaaf anis dhiifama na godhaaf. Waantiin ani dhifama eenyumaafuu godha jiraate bu'aa keessaniif jedheen fuldura Kiristoos duratti dhifama godheef. 11 Kunis akka seexanni nu mooksineefi dh nu mala isaa ni beekna. 12 Yammuun gara magaalaa Xiroo'aadaa wangeela kiristoos lallabuuf dhufu Gooftaan balbala naaf bannee ture. 13 Haa ta'u malee waaniin obboleessa koo Tiitoo achitti hin argineef hafuurri koo boqonnaa hin arganne. Kanaafuu isaan achitti dhiiseen gara maqaa dooniyaa deeme. 14 Waaqa isa yeroo hunda injifannoo isaatiin karaa Kiristoosiin nu geggeessuu fi galanni haa ta'u. Innis urgaa isa mi'aayaa beekkumsa isaa bakka hundatti karaa keenyaan muldhise. 15 Sababa nuti warra fayyanii fi warra badaa jiran jidduutti urgaa mi'aayaa kiristoos kan Waaqayyootii dha. 16 Namoota isaan badaa jiraniif, urgaa du'aa kan gara du'aatti geessuu dha. Isaan fayyaniif immoo, urgaa fayyinaa kan gara fayyinaati dha. 17 Egaa wantoota kanaaf kan gahumsa qabu eenyuudh? Ega nuti akka waaqayyoo biraa ergamnetti, fuldura Waaqayyootti onnee qulqulluudhaan kiristoosiin taanee dubbanna malee akkuma namoota hedduutti bu'aadhaaf jennee dubbii Waaqayyoo nuti hin maknu.