Boqonnaa 10

1 Ani yeroon isin waliin jiru ija-laafessa, yeroo isin irraa fagaadhu garu ija-jabeessaa dha. Ani Phaawuloos garraamummaa fi gara laafummaa Kiristoosiiniin isinitti hima. 2 Ani yeroo gara keessan dhufu akka isin ija-jabeenyan warra waan nuti akka nama fooniin jiraannuutti nu lakkaa'aniin mormuuf murteessera. Isinitti garuu ija-jabeenya akkanaatiin akkan dubbadhu akka hin goone isinin kadhadha. 3 Nu yoo fooniin deddeebinullee garuu akka nama fooniitti hin lollu. 4 Meeshaan (miini) waraanaa kan nutti ittiin waraannuu kan dawoo hunda diddiiguudhaaf humna cimaa Waaqayyoo qabuudha malee meeshaa (mi'a) waraana fooniidha miti. 5 Mormii fi of-tuullummaa beekumsa Waaqayyo irrattii ka'u hunda ni diigna, nuti yaada hunda boojinee kiristoosiif akka ajajamu ni goona. 6 Erga isin guutummaatti ajajamuu keessan mirkaneessitanii booda, nut immoo ajajamuu diduu hunda adabuuf ni qophoofna. 7 Isin waanuuma karaa fuldura keessanii ilaaltu. Eenyumtuu yoo kan Kiristoos ta'u isaatti amane, akkuma inni kan Kiristoos ta'e, nutis kan Kiristoos ta'uu keenya haa hubatu. 8 Angoo Gooftaan naaf kenneen baay'ee boonullee itti hin qaana'uu (hin saalfadhu), angoon kunis akkan itti isin ijaaruuf malee akkan ittin isin diiguufi miti. 9 Ani akka waan xalayaan koo isin sodaachisuutti akka fudhattan hin barbaadu. 10 Akka namootni tokko tokko "ergaan xalayaa isaa ulfaataa fi cimaadha, qamni isaa garuu dadhabaa dha, dubbiin isaas kan tuffatamee dha" jedhu. 11 Namootni akkana kun akka nuti waanuma yeroo isaan bira jirreetti xalayoota keenya keessatti dubbannu sana akka yeroo isaan biratti argamnus isuma hojjannu haa hubatan. 12 Nuti warra garee of-galateeffatan waliin of qixxeesuuf ija hin jabaannu. Garuu yeroo ofuma isaaniitiin of-madaalaniif of qixxeessan hubannaa dhabuu isaaniiti. 13 Haa ta'uu malee, nuti akka maleetti of-hin jajnu, of-jajuun keenya daangaa tajaajila kan Waaqayyoo ramadee nuuf kenne qofa keessattii dha, innis tajaajila nuti isinii kennaa jirru dabalata. 14 Yeroo nuti gara keessan dhufnu ofii kenyaan daangaa nuuf kenname hin darbine. Nuti yeroo wangeela Kiristoos gara keessan fidnee dhufnu warra jalqabaa turre. 15 Nuti hojii warri kaan hojjataniin akka maleetti of hin jajnu. Abdiin keenya garu akkuma amantiin keessan guddataan deemuuttii (fufutti) bakka tajaajila keenyaa inni isin jidduutti qabnu caalatti babaldhatuudha. 16 Kanaafuu, nuti duraan dursee biyya isinin alaa keessatti wangeela lallabameen otoo of-hin jajne, isiniin achitti wangeela lallabuu ni dandeenya. 17 "Garuu kan boonu Gooftaadhaan haa boonu." 18 Nama Gooftaa heere (filate)tuu fudhatama qaba malee, namni of heere (of filate) fudhatama hin qabu.