1 Ani gowwummaa koo ishii xiqoo akka naa obsitan nan abdadha. Garuu dhugaadhumaan naa obsitu. 2 Anis isiniif nan inaaffa, inaaffaa Waaqayyootiinin isiniif inaaffa, akka durba ishii qulqullittii dhiira hin beekne tokkootti dhirsa tokkoof jechuunis Kiristoosiif dhiyeessuuf isin isaaf kaadhimeera. 3 Garuu akkuma bofti hameenya isaatiin Hewaan mookse (gowwoomse) sana akkasuma isinis yaada keessan mooksee faaluun garaamummaa fi qulqullummaa Kiristoosiif qabdan irraa isin dogondorsaa jedheen sodaadha. 4 Sababnis isin yoo namni tokko gara keessan dhufee Iyyasuus isa nuti isiniif lallabne adda ta'e isiniif lallabe, yookiin Hafuura duraan fudhatanii adda ta'e hafuura biraa fudhattan, yookin yoo wangeela isa kanaan dura fudhattaniin adda ta'e fudhattan, waantoota caldhistaniitume tolee jettanii fudhattu jechaadha. 5 Ani garuu, isaan "Ergamoota gurguddoo" jedhamanii waamamanii gadi jedhee of hin yaadu. 6 Ani dubbitti muuxannoo dhabuu illee garu, beekumsa nan qaba. Kanas immoo karaa hundaa fi waan hundaan isinii ibsineerra. 7 Wangeela Waaqayyoo gatii malee isiniif lallabuun akka isin ol-jettaniif ani gad-of qabuun koo cubbuudhaaree. 8 Ani isin tajaajilluuf jecha gargaarsa waldaa biraa irraa fudhachuu kootiif isaan saameera. 9 Ani yeroon isin bira ture waan na barbaachisuuf nama tokkottillee ba'aa hin taane, obbolloonni Maqeedooniyaadhaa dhugan waan na barbaachisuu na gargaaranii jiru. Anis waan tokkoonillee akkan ba'aa isinitti hin taanee of eegachaan ture, gara fulduraattis of-eeggachuutti ittin fufa. 10 Amma dhugaan Kiristoos na keessa jiruutti boonuu koo kana kutaa Akaayaa keessatti hin caldhisu. 11 Maaliifi? Waaniin isin hin jaallanneefi? Waaqayyoo ni beeka. 12 Namoota warra nuun waliin qixa ta'uuf hojii ofitiin of jajaa guyyaa eeggatanii sana sababa dhabsiisuuf waaniin amma hojjachaa jiruu gara fulduraatiis nan godha. 13 Namootni akkanaa kun ergamoota sobaa fi hojjatoota mooksotaa, warra ergamoota Kiristoos of fakkeessuuf of jijjiiraniidha. 14 Kun waan dinqisiisuu dhaa miti sababnis seexanni malaaktoota ifaa fakkaachuuf waan of jijiiruuf. 15 Egaa tajaajiltootni isaa yoo tajaajiltoota qajeelinaa fakkaatanii of jijjiiran kun waan dinqisiisaadhaa miti. Dhumni isaanii akkuma hojii isaanii ta'a. 16 Ani irra deebi'ee nan jedha. Enyumtuu akkan ani waan nama gowwaa ta'ee itti hin fakkaatiin. Garuu yoo gootan illee, akkan ani xiqqoo boonuuf akkuma gowwaa tokkotti na simadhaa. 17 Ofitti amanee boonuun koo kun akkuma gowwaa tokkootti malee, akka daandii (karaa) Gooftaatiin miti. 18 Egaa namootni baay'een akkuma fooniin boonan, anis nan boona. 19 Isin waan ofuma keessanii hubatoota taaataniif, gammachuun gowwota obsitu. 20 Yoo eenyumtuu isin garboomse, yookin isin saamee, yookin bu'aa isaatii jedhee isinitti maxxane, yookin isin irratti ol baye, yookin fuula keessan kabale ni obsitu. 21 Nuti garuu waan sana irratti dadhaboo ta'uu keenya sodaachuun dubbadha. Ani akka gowwaa tokkoottin dubbadha, waan namni kamiyyu ittiin boonuun, anis boonuu nan danda'a. 22 Isaan Ibrootaa? Anis akkanuma. Isaan Israa'eeloota? Anis akkanuma. Isaan sanyii Abrihaamiidha? Anis akkanuma. 23 Isaan tajaajiltoota Kiristoosiidha? (Ani akka nama maraateettin dubbadhaa.) Ani isaanii caala, hojii ulfaataadhaan, yeroo baay'ee hidhamuudhaan, yeroo baay'ee himnaa ol garafamuun yeroo baay'ee du'atti dhiyaadheera. 24 Yihuudotni yeroo shan 'afurtama guutuuf tokko hanqu garafameera.' 25 Yeroo sadii uleedhaan reebameera; yeroo tokko dhagaan dhahameera; yeroo sadii dooniin na jalaa caccabeera. Halkan tokkoo fi guyyaa tokko galaana irra tureera. 26 Ani otoo wal-irraa hin citiin adeemsa irra tureera, balaa bishaanii, balaa saamtootaa, balaa sabuma koorraa, balaa warra ormaaraa, magaalaa keessatti balaa, lafa onaa keessatti balaa, galaana irratti balaa, barsiisota obboloota sobaa irraa balaa. 27 Tajaajilaan dadhabeera, dhiphadheeras, halkan baay'een irriba malee bule, beelayeera, dheebodheera, yeroo baay'ee xoomeera, dhaamodheera (daareera), qullaa ta'eera. 28 Kana hunda caala yaadniin waldootaa hundaaf ani qabu guyyaa guyyaan natti ulfaata. 29 Eenyutuu dadhabaadha, ani immoo dadhabaa mitiree? Eenyutuu dogongoraadha, ani immoo otoon aariin hingubanneen hafeeree? 30 Ani yoodhan boonuu barbaade waan dadhabbii koo muldhisaniin nan boona. 31 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa Iyyasuus inni barabaraan eebbifame sun akkan ani hin sobne ni beeka! 32 Yeroon ani Damaasqoo turetti namni mooticha Aareexaas jallatti bulchaa biyyaa ture ana qabsiisuuf magaalaa Damaasqoos eegsisaa ture. 33 Haa ta'u malee ani garu karaa fooldaa gimbiitiin Zambiilaan rarraasanii buufamuun harka isaa jalaa baye.