Boqonnaa 12

1 Bu'aa dhabullee, ani nan boona. Ani garuu gara agarsiisaa fi muldhata Gooftaattin qajeela. 2 Ani nama Kiristoos keessa ture tokko waggaa kudha afuriin dura gara samii saddaffaatti ol fudhatamee sana nan beeka, innis immoo fooniin ta'uu yookin fooniin ta'uu dhisuu, isaa Waaqayyotuu beeka malee ani hin beeka malee ani hin beeku. 3 Ani namni kun fooniin ta'uu yoomin fooniin ta'uu dhiisuu, ani hin beeku; Waaqayyootuu beeka. 4 Innis gara jannataatti ol fudhatamee dubbii namni ibsuuf hin danda'amne isa namni dubbachuuf hin eyyamamne dhagaye. 5 Ani waa'ee nama akkanaatiif nan boona, ani garuu waa'ee ofii kootiitii dadhabbii koof malee hin boonu. 6 Ani sababaan dhugaa dubbadhuuf yoodhan boonuu filadhe gowwaa hin ta'u. Garuu akka namni tokkollee waan ana irratti argee fi dhagayee caala hinyaadneef, boonuu irraa ofin eega. 7 Akkan ani muldhata guddaa kana irraa kan ka'e akka malee of hin tuullee waraana tokko foon kootii, akka na dhiphisuuf ergamaan seexanaa naa kenname. 8 Anis akka Gooftaan waan kana ana irraa fuudhuuf yeroo sadii'in isa kadhadhee ture. 9 Garuu innis akkana naan jedhe "Ayyaanni koo si gaha, waan humni dadhabbii keessatti ga'uumsa godhuuf." Kanaafuu ani akka humni Kiristoos narratti qubatuuf waayee dadhabii kootiitti baay'ee nan boona. 10 Kanaafuu ani waa'ee Kiristoosiif jedhee haaloota dadhabbii, arrabsamuu, rakkina, arii'atamuu, dhiphina keessatti gamadduun koo kanumaafi dha. Ani yeroo dadhabu, yoos jabaadha. 11 Ani akkan of gowwoomsu kan na dhiibe isiniidha, ani isinii galata argachuun qabaayyu. Ani hommaatti lakkaawamuu baadhuulee, garuu warrota ergamoota gurguddoo jedhamanii gadii miti. 12 Mallatooleen ergamoota dhugaa hundii isaanis, obsaan cimuu, Milikita ajaa'ibaa fi dinqiin jidduu keessanitti hojjatameera. 13 Barbaadamummaan keessan waldoota biraa hafan irraa maaliin xiqaate, ani isin irratti ba'aa ta'uu dhiisuu koo malee? Dogogora koo kanaaf dhiifamaa naa godhaa! 14 Ilaalaa, yammuun gara keessan dhufuuf qophaa'uu kun yeroo sadaffaa kooti. Yammuu ani dhufu maalumaanuu isin irratti ba'aa ta'uu hin barbaadu. Ani isin malee, isin irraa homaa hin barbaadu. Abbaa fi haadhatuu ijoolee ofiitiif kuusa malee, ijooleen abbaa fi haadhaaf hin kuuftu. 15 Ani lubbuu keessanii ofiillee yoon kenne baay'een gammada. Egaa yoodha n ani hagan hunda isin jaaladhe, isin immoo xiqoodhima kana na jaalatuuree? 16 Haa ta'u malee, ani ba'a isinitti hin taane. Garuu anii waaniin hameenyaa fi maltummaadhaan isin jallise isinitti fakkachuu hin didne. 17 Ani namootan gara keessanitti erga keessaa karaa nama tokkollee isin irraa bu'aa barbaadeeraa? 18 Ani akka Tiitoon gara keessan dhufuuf isaa kadhadheen ture, obbolleessa keenyas isa waliin ergeera. Tiitoon isin saameeraa? Nut hafuura tokkoon hin deddeebineeree? Nut sadarkaa tokkoon hin deddeebinneeree? 19 Isin yeroo hundaa akka waan nuti fuuldura keessanitti ofiif falmanuu yaadu moo? Nuti akka warra Kiristoos keessa jiraatuutti Waaqayyoo fuulduratti dubbanna. Yaa jaalatamtoota, waan kana hunda hojjachuun keenya isin jabeessuuf jenneetiidha. 20 Yammuu gara keessan dhufu, isin akkan ani fedhu taatanii hin argamattanii laata jedheen sodaa qaba, yookin akka fedhii keessanii ta'e ani hin argamuu laata jedheen sodaa qaba, yookin jiddu keessanitti lolli, inaafaan, aariin, gareen walqoqqoduun, maqaa wal-yakkuun, hamiin, of-tuullummaanii fi jeequmsi ni jira jedheen sodaa qaba. 21 Yeroon ani deebi'ee gara keessan dhufu Waaqni koo isin fulduratti naqaanessa jedheen sodaadha, waa'ee namoota baay'ee isaan kanaan dura cubbuu hojjatanii fi amma qalbii jijjiratanii hin hin qulqulloofnee fi warra hawwii foonii, xuraa'ummaa fi ejjuu raawwataniif sodaan qaba.