Boqonnaa 13

1 Ani yammuun gara keessan dhufu kana waliin yeroo sadaffadha. "Wantii hundumtuu 'dhugaa bayinsa' nama lamaan yookin sadiin mirkaneeffama." 2 Ani yammuun yeroo lammaffaaf isin bira achi ture isin akeekkachiseera, ammas isuma irra deebi'a. Ani yeroo deebi'ee dhufutti warra kanaan dura cubbuu hojjataniifi warra kaaniif hunda garaa hinlaafu. 3 Ani waaniin kana isiniin jedhuuf sababa isin Kiristoos ana irraan dubbachuu isaa ragaa waan barbaaddaniifii dha. Innis jidduu keessanitti cimaa dha malee dadhabaadhaa miti. 4 Inni kan fannifame dadhabbiidhaan ta'ullee, garuu humna Waaqayyootii ni jiraata. Nutis akkasuma isa waliin dadhaboo taanullee, isuma waliin humna Waaqayyootiin jidduu keessan ni jiraanna. 5 Isin ofiin keessan amantiin jiraachuu keessan beekuuf of ilaalaa. Ofuma keessaniin of-qora. Isin dhugumaan yoo qormaata kuftan malee, ofii keessanii akka Iyyasuus Kiristoos isin keessa jiru hin hubattanii? 6 Ani akka isin nuti qormaata hin kufne akka hubattan abdiin qaba. 7 Ammanuti akka isin yakka tokkollee hin hojjanne Waaqayyo ni kadhanna. Ani akka waan nuti qormaata darbineetti ilaalamuuf hin kadhadhu. Garuu nuti waan qormaata kufne fakkatuus akka isin waan garii ta'e gootaniifin kadhadha malee. 8 Nuti dhugaadhaaf qofa malee, faallaa dhugaa waan tokko illee gochuu hin dandeenyu. 9 Nuti dadhaboo taanuus isin cimoo ta'uu keessaniif ni gammadna. Kadhannaan keenyas immoo akka isin guutuu taataaniifi dha. 10 Ani yammuun isin irraa faggaadhee jirutti waantiin waantoota kana isiniif barreessuuf yammuun gara keessan dhufu angoo isa Gooftaan naaf kenne akka ijaaramtaniif malee, humnatti fayyadamee akka diigamtaniidhaaf miti. 11 Egaa yaa obbolloota, walumatti qabuun, gammadaa! Haaromsaaf hojjadhaa! Cimaa! Yaada tokko qabaadhaa! Nagaan jiraadha. Akkasuma Waaqni jaalalaafi nagaa isin waliin ta'a. 12 Dhugoo qulqulluun nagaa wal gaafadhaa. 13 Qulqulloon sabni Waaqayyoos nagaa isiniif kennu. 14 Ayyaanni Gooftaa Iyyasuus Kiristoos, jaalalli Waaqayyoo fi tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan waliin haa ta'u.