1 Phaawuloos, ergamaan Yasuus Kiristoos, ergamaa wangeela Waaqayyoo ta’uuf, qophaatti addaan ba’ee waamame 2 Kunis isa Waaqayyo duraan dursee Kitaaba Qulqulluu keessatti karaa raajotaa waadaa galedha (abdachiisedha). 3 Innis waa’ee ilma isaa isa fooniin sanyii Daawwit irraa uumamee,. 4 Akka afuura qulqullutti immoo, isa du’aa ka’e fi ilma Waaqayyoo ta’uun isaa humnaan beeksifame wa’ee gooftaa keenya, Yasuus Kiristoosi dha. . 5 Ulfina maqaa isaatiif uummanni lafa irra jiraatu hunduu gara amantiitti, gara abboomamuttis geessuudhaaf ayyaanni ergamoota ta’uu, isumaan nuuf kennameera. 6 Isinis warra kan Yasuus Kiristoos ta’uudhaan waamaman keessa jirtu. 7 Isin warra Roomaa jiraattan hunduu, warra Waaqayyo isin jaallatee fi ummata isaa qulqullu akka taataniif isin waame hundi keessanuu, ulffinnis, nagaanis Waaqayyo, abbaa keenya, fi gooftaa keenya, Yasuus Kiristoos, irraa isiniif haa ta’u. 8 Duraan dursee, amantiin keessan addugnyaa lafaa guutuutti waan beeksimameef, isiniif, karaa Yasuus Kristoos, Waaqayyo koo nan galateeffadha. 9 Akkuma Waaqayyo na arggu, ani afuurakootiin wangeela ilma isaa keessatti yoon Waaqayyoo tajaajilu, yeroo hundumaa kadhata koo keessatti isiniin nan yaadadha. 10 Kadhannaa koo yeroo hundaa keessatti, Waaqayyo, akka fedhii isaatti, dhufee akkan isin argu akka nadandeessisuuf nan kadhadha. 11 Isin arguuf kanan barbaades (hawwes), akka jabeenya argattaniif kennaa affuuraa tarii yoon isiniif kenne jedheeni. 12 Kana jechuunis, anis amantii kootiin, isinis amantii kessaniin waliin taanee amantii keenya akka cimsannu bay’isee waanan barbaadeefi. 13 Yaa obboloota ko, yeroo baay'ee dhufee isin arguudhaaf akeekuu koo akka beektan nan jaalladha; garuu yeroo hundumaa hamma ammaatti ittifameera. Saba Waaqayyoo warra hin ta'in, warra biraa keessatti akkuman hojjedhe, hojii ija qabu isin gidduuttis hojjechuufan ture. 14 Ani saba hundumaafuu, warra Giriikotaa fi warra Giriikota hin ta'iniifis, warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira; 15 Kanaafuu, ani karaa koo isin warra Roomaa jiraattaniifis Wangeela lallabuudhaaf qophaa’uu koo ibsuun barbaada. 16 Ani wangeelatti hin qaana’u, inni humna Waaqayyo isa warra amantii qaban hundumaa waan ta’eef; jalqaba warra Yihudootaaf, akkasumas warra Giriikotaaf. 17 Sababnisaas, wangeella keessatti qajeelummaan Waaqayyo amantii irra gara amantiitti akkuma ibsametti, "Namni qajeelaa ta'e amantiidhaan jiraata”. 18 Warri hin amannee fi qajeelloo hin taane dhugaa waan ukkaamssaniif, dheekkamsi Waaqayyoo samii (waaqa) irraa itti dhufa. 19 Waaqayyoo warra isa beekaniif ni hubatama; sababnisaas, Waaqayyo isaaniif beekumsa kenneera. 20 Erga biyyi lafaa uumamee jalqabee, raajiiwwan (qualities) Waaqayyoo, keessattu. humni isaa inni kan bara baraa fi waaqummaan isaa (divine nature), waan inni uume irratti ifatti mull’atee (argammee) jira. Kanaafuu, waan itti qabatan (sababbii godhatan) hin qabani. 21 Kunis sababni isaa, isaan waa’ee Waaqayyoo kan beekan yoo ta’ullee, akka Waaqayyootti ulfina hin laanneef; hin galateeffannes. Kana dhiisuudhaan, yaada isaanii isa gatii hin qabne (foolish) duukaa bu'an; onneen isaanii inni hadoodes ni dukkana’ee.. 22 Nuti beekaa dha ofiin haajedhan malee,isaan garuu wallaalaa ta’ani. 23 Isaan ulfina Waaqayyoo isa bara baraanuu hin badne fakkeessuudhaan gara bifa namaa isa badutti, bifa simbirrootaatti, bifa bineensota miilla afuriitti fi bifa uumamtoota warra lafa irra quqquriibanitti jijjiraniiru. 24 Kanaafis Waaqayyo kajeellaa garaa isaaniitiin xuraa'ummaatti, walii isaanii gidduuttis dhagna isaanii salphisuutti dabarsee isaan kenne. 25 Isaan dhugaa waa'ee Waaqayyoo sobatti diddiiraniiru; Waaqayyoon isa hundumaa uume dhiisanii, uumamaaf sagadanii, hojjetaniif. Waaqayyo garuu bara baraan galateeffamaa dha! Ameen. 26 Sababii kanaaf Waaqayyo kajeellaa nama salphisutti dabarsee isaan kenne; dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedha fooniitiif dhiiraa wajjin wal bira ga'an isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti diddiiratan. 27 Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedha fooniitiif dubartootaa wajjin wal bira ga'an, isa uumamaan kennameef dhiisanii, kajeellaa walii isaaniitiin gubataniiru; warri dhiiraas walii isaanii gadhoomsanii, beekaa karaa irraa jal'isuu isaaniitiif adaba dhagna isaanii akka ta'utti fudhataniiru. 28 Isaan Waaqayyoon beekuu, dubbii qajeelaatti waan hin lakkaa'iniif, Waaqayyo immoo yaada jal'aadhaa fi, waan namni hin hojjenne hojjechuutti dabarsee isaan kenne. 29 Isaan jal'ina, hammina, sassata, gadhummaa hundumaan guu-tamanii turan. Kanaanis guutamanii in hinaafu, in ajjeesu, nama in lolu, in gowwoomsu, warra kaaniif isa gadhee in hawwu, dhoksaa namaa in mul'isu; 30 in hamatu, Waaqayyoon in jibbu, humnaan nama irratti in ka'u, in afuufamu, of in jaju, hamaa lafaa fuudhanii in bixxilu, warra isaaniif hin abboomaman. 31 Qalbii hin qaban, waan dubbatan hin eegan, jaalala of keessaa hin qaban, oo'as hin qaban. 32 Akka abboommii Waaqayyootti warra kan akkasii godhaniif duuni akka isaaniif ta'u, in beeku. Haa ta'u iyyuu malee, ofii isaaniitii kan akkasii in godhu; kana gochuu isaanii duwwaas utuu hin ta'in, warra kana godhaniin "Ba'eessa gootan" in jedhu.