1

1 Kun Jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos, ilma Waaqayyooti. 2 akkuma Isaayaas raajicha keessatti barreeffame. "Ilaalaa, ani ergamaa koo fuula keessan dura ergaan jira, isa daandii kee qopheessu. 3 Sagaleen nama tokkoo lafa onaa keesssaa ni iyya, 'gooftichaaf daandii tolchaa; daandicha qajeelchaa.” 4 Yoohaannis ni dhufe, lafa onaa keessatti cuuphaa fi cuuphaa qalbii jijjiirrannaa labsaa isa kan dhiifama cubbuu. 5 Gutuummaan biyya Yihudaa fi Yerusaalen gara isaa dhaqani. Isaanis, galaana Yordaanos keessatti isaan cuuphamani, cubbuu isaaniittii qalbii jijjiirrachaa. 6 Yohaannis gogaa gaanaa uffatee, mudhuu isaas saqii gogaan hidhate, hawaannisaa fi damma daammuus nyaate. 7 Innis “Namni tokko ana booda ni dhufa, innis ana caalaa humna qaba; anis gadi jedhee illee hidhaa qophee isaatii hiikuun anaaf hin malu, 8 Ani bishaaniin isin nan cuupha, inni garuu hafuura qulqulluun isun cuupha.” 9 Kunis, guyya itti Yesuus Naazireet ishee Galiilaa keessaa dhufe ta’e; inni galaana Yoordaanos keessatti Yohaannisiin cuuphame. 10 Akkuma Yesuus bishaanicha keessaa ba’een, utuu waaqni gargar saaqamuu argee, utuu hafuurri bifa gugeetiin isa irratti gadi bu’uu. 11 Sagaleenis waaqa irraa dhufe, “Ati ilma koo isa jaallatamaadha. Ani baay’een sitti gammada.” 12 Hafuurris akka inni gara lafa onaa dhaqu isa dirqisiise. 13 Innis guyyaa afurtama lafa onaa keessa ture; Seexanaanis qoramutti ka’e. Inni bineesnota bosonaa wajjin ture, ergamoonnis isa tajaajilaniiru. 14 Amma erga Yohaannis qabamee, Yesuus wangeela Waaqayyoo lallabaa gara Galiilaa dhufe. 15 Innis, “Yerichi ga’eera, mootummaan Waaqayyoos dhiyaateera. Qalbii jijjiirradhaatii wangeelattis amanaa.” 16 Inni utuu galaana Galiilaa cina adeemaa jiruu, Simoonii fi obbolessa isaa Indiriyaasiin utuu kiyyoo darbatanii arge, isaanis qurxummii qabdoota turan. 17 Yesuusis, “Kottaatii ana duukaa bu’aa, anis kan namoota qabdan isin nan godhaa.” isaaniin jedhe. 18 Isaanis battaluma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa bu’an. 19 Yesuus utuu xiqqoo irra siqee adeemuu, Yaaqob ilma Zebdiyoosii fi obboleessa isaa Yohaannisiin arge. Isaani doonii keessaa kiyyoo isaanii suphaa turan. 20 Innis isaan waame, isaanis abbaa isaanii Zebdewoosiin hojjetaa isaa qacaree wajjin doonii keessatti dhiisanii isa duukaa bu’an. 21 Isa booda isaan gara Qifirnaahoma dhufan; guyyaa sanbataa irra, Yesuusis gara mana sagadaatti ol seenee barsiise. 22 Isaanis barsiisa isaa ni dinqifatan, waan inni akka warra barreessitotaatti utuu hin ta’in, akka nama aboo qabuutti barsiiseef. 23 Yeroo sana mana sagadaa isaanii keessatti namni hafuura hamaan keessa ture tokko ni iyye. 24 “Yaa Yesuus isa Naazireet, nuti sii wajjin maal walittii qabna; ati nu balleessuu dhuftee? Ani eenyuun akka ati taate beeka. Ati isa qulqulluu kan Waaqayyooti” 25 Yesuusis seexanicha ifatee, "cal jedhii isa keessaa ba’i!” jedhe. 26 Hafuurri xuraa’aan sunis isa kuffisee sagalee guddaadhaan iyyee isa keessaa ba’e. 27 sabni hundumtuus ni aja’ibsiifatan, barsiifni haaraan aboo wajjinii “kun maali?” jedhaniis wal-gaafatan. Inni hafuurota hamaa illee ni abbooma, isaanis ni abboomamuuf!” jedhan. 28 Oduun waa’ee isaatiis guutummaa kutaa Galiilaa keessa wal ga’e. 29 Erga mana sagadaa keessaa ba’anii, gara mana Simoonii fi Indiriyaas dhufan; Yaaqobii fi Yohaannisii wajjin. 30 Amaatiin Simoonii dhukkuba qaama gubaan dhukkubsattee ciisaa turte, isaanis waa’ee ishee Yesuusuttu himan. 31 Innis dhufee, harka ishee qabee, ol ishee kaase, ho’i qaamaa ishees ni dhiise, isheenis isa tajaajiluu eegalte. 32 Galgala sana erga aduun seentee, namoota dhukkubsatan hundumaa fi warra hafuurri hamaan keessa jiru gara isaa fidan. 33 warri magaalattiis balbala duratti walitti qabaman. 34 Namoota namoota baay’ee dhukkuba addaa addaa qaban fayyise, seexanoota hamoota baay’ees baase; garuu akka hafuuronni hamoonni sun dubbatan hin barbaanne waan isa beekaniif. 35 Inni ganama barii dukkanaa’e utuu jiruu ka’ee, gara bakka qoofni dhaqee, achittis kadhate. 36 Simoonii fi warr isaa wajjin turan isa barbaadani. 37 Isa arganiis “Namni hundumtuu si barbaadaa jira” jedhan.” 38 Inni immoo, “bakka tokko gara mandaroota naannooo jiranii haa adeemnu, achittis akkan lallabuuf, anis kanumaafin dhufe.” Jedhe. 39 Inni lallabaa, seexanootas baasaa Galiilaa hundumaa keessa darbe. 40 Laxaa’aan gara isaa dhufe. Isas kadhate, inni jilbeefatee “yoo fedha kee ta’e ana qulleessuu dandeessa” jedhe. 41 Gara laafinaan itti dhiyaatee, Yesuus harka isaa qabaae, itti bu’e, “ani fedheera, qullaa’i” ittii jedhe. 42 Battaluma lamxiin isaa bade, innis ni qulleeffame. 43 Yesuus cimsee isa akeekkachiisee gad isa dhiise. 44 “Nama tokkotti homaa tokko hin himin, garuu dhaqiitii, lubatti of argisiisi, waan qulloofteef immoo waan Museen abboome dhiyeessi, dhuga ba’uma isaaniif akka ta’utti” ittiin jedhe. 45 Inni garuu adeemee walabumaan labsee sagalicha tamsaase, Kana booddee, Yesuus mulinaan gara magaalaatti hin seenne, garuu, irraa fagaatee taa’e. amma iyyuu namoonni bakka addaa addaatii gara isaa dhufaa turan.