1 Yaa obboloota ko, gooftaa keenya Kiristoos Yesuus keessatti amantiitti loogii hin godhinaa, gooftaa ulfinaa, namoota muraasaaf hin looginaa. 2 Yaadaa, namni tokko qubeelaa warqee fi uffata miidhagaa keewwatee gara wal-ga’ii keessanii yeroo seenu, akkasuma, namni iyyeessi yeroo uffata xurii qabu uffatee seenu. 3 Yoo namica isa uffata gaarii uffate argitanii, “ati bakka gaarii kana taa’I” jettanii, isa iyyeessaan immoo, “ati immoo achi taa’i” jettan, yookaan “miilla koo jala taa’i” jettan, 4 walii keessan gidduutti murteessaa jirtu mitiiree? Yaada hamaadhaan abbaa firdii hin taaneeree? 5 dhaggeeffadhaa, yaa jaallatamoo obboloota ko, Waaqayyo akka biyyi lafaa inni iyyeessu amantiitti sooressa akka ta’uuf filateera, akkasuma warri isa jaallatan akka dhaaltuu mootummichaa ta’aniif? 6 Isin garuu warra iyyeessota ulfina dhowwattan, kan isiniin hacuucu warra sooressoota mitii? Isaa warra gara mana murtiitti isis geessan mitii? 7 Isaan maqaa gaariiisa isin itti waamamtan hin arrabsanii? 8 Yoo akkas ta’e, akka caaffata qulqull’aatti seera mootii hojii irra oolchitu, “olla kee akka ofii keetti jaalladhu,” isin sirriitti hojjettu. 9 Garuu yoo namoota muraaf loogde, cubbuu hojjechaa jirta jechuudha, irra daddarbaa keefis sitti faradama. 10 Nama isa guutummaa seeraaf abboomamuuf, isa inni karaa tokko gufatuun malee, guutummaa seeraa cabsuu isaatiin ni gaabba. 11 Keessa inni tokko “hin ejjin” jedha, akkasuma, “hin ajjeesin” yoo hin ejjitu ta’e, garuu yoo ajjeefte, ati seera irra daddarbiteetta. 12 Kanaaf, dubbadhu, hojjedhus, akka warra seera walabaan itti faradamuutti. 13 Firdiin warra araara hin argisiifnetti, araara malee itti dhufa. Araarri firidii irratti ni moo’a. 14 Yaa obboloota ko, bu’aa maaliiti, namni tokko amantiin qaba jechaa, hojii hin qabu yoo ta’e? amantiin isaa sun isa ni fayyisaa? 15 Mee yaadaa, obboleessi yookaan obboleettin tokko uffataa gaarii hin taane uffattee guyyootaafis nyaara hin nyaanne. 16 Yaadaa, isin keessaa tokko, “nagaadhaan dhaqi, sitti haa ho’u, guutamis” yoo waanra qaama isaatiif barbachisu hin kennitaniif ta’e, bu’aa maalii qabaree? 17 Akkasuma amantiin qofaa isaa, yoo hojii hin qabu ta’e, du’aadha. 18 Tarii namni tokko, “ani amantii qaba, hojiis qaba.” Jechuu danda’a. Amantii kee hojiimalee natti argisiisi, ani immoo amantii koo hojii kootiin sitti nan argisiisaa. 19 Ati Waaqayyoo tokko jiru ni amanta. Gaarii gootees ni hojjetta. Garuu seexanni iyyuu sanatti ni amana, ni oollattus. 20 Beekuu ni barbaaddaa, yaa nama gowwaa, akka amantiin hojii malee bu’aa hin qabne? 21 Abraaham yeroo ilama isaa Yisiyaaqiin, iddoo aarsaa irratti dhiyeesse hojiidhaan hin qulloofneeree? 22 Akka amantiin hojii isaa malee hojjete ni argitu. Akkasuma akka amantiin isaa hojiidhaan guutuu ta’e. 23 Caaffatni qulqulla’aan akka jedhe “Abrahaam Waaqayyoon amanate, inni qajeelummaatti lakkaa’ameef, Inni michuu Waaqayyoo jedhamee waamame. 24 Akka namni hojiidhaan qullaa’u argita. Amantii qofaan miti. 25 Akkasuma, Rahaab isheen ejjituun illee, yeroo ergamoota simattee karaa kan biraa irra isaan ergite hoiidhaan qullooftuu hin taaneeree? 26 Qaamni foon irraa adda ba’e du’aa waan ta’eef, amantii hojii irraa adda ba’es du’aadha.