1

1 Yaaqoob, hojjetaa Waaqayyoo fi goftaa Yesuus Kiristoos, gosoota warra kudha lamaan warra bittimmaa’aniif, nagaan isin gaafadha! 2 Gammachuu hundumaatti lakkaa’aa, yeroo rakkinni addaa addaa isin irra ga’u. 3 akka qoramuun amantii keessanii obsa fidu isin ni beektu. 4 Obsi immoo akka isin guutummaatti guddatanii guutuu taataniif hojii isaa fiixaan haa baasu, utuu homaa hin dhabin. 5 Garuu isin keessaa eenyu illee yoo ogummaa barbaade, Waaqayyoon haa gaafatu, isa gaarummaadhaan warra gaafatan hundumaaf utuu hin dheekkamin kennu. Innis isaaf ni kenna. 6 Garuu immoo amantidhaan haa gaafatu. Namni shakku, akka bubbee galaanaa isa qilleensaan asii fi achi raafamuuti. 7 namni akkasii gooftaa biraa waa nan argadha jedhee hin yaadin. 8 Inni nama sammuu guddaa qabuudha, karaa isaa hundumaa irrattti keessatti kan hin tasgabbaa’iniidha. 9 Obboleessi inni gadi jedhaan ol ka’uu isaatti of haa jaju. 10 Sooressis gadi jechuu isaatti, sababii isaa inni akka abaaboo daggalaa isa maraga keessa jiruu ni darba. 11 Akkuma aduun baatee ho’a isheetiin marga gogsitu. Abaaboon ni arca’a, miidhagni isaas ni darba. Akkasuma, namni badhaadhaanis adeemsa isaa keessatti, irraa ni darba. 12 Namni qormaata obsu eebbifamaadha. Erga qormaaticha darbee booda, gonfoo jireenyaa ni fudhata. Isa warra Waaqayyoon sodaataniif qophaa’e. 13 Namni qoramu, “Waaqayyootu ana qore hin jedhin, Waaqayyo hamaadhaan hin qoramu waan ta’eef, akkasuma inni namas hin qoru waan ta’eef. 14 Garuu, namni hundumtuu fedhii ofii isaatiin qorama; yeroo fedha ofii isaan harkifamuu fi gowwomfamu. 15 Fedhiiin erga ulfooftee booda, cubbuu ni deessi, cubbuun immoo erga guutumaatti guddattee, du’a ni deessi. 16 Hin gowwofaminaa, yaa jaallatamoo obboloota ko. 17 Kennaan gaarii fi kennaan guutuun hundumtuu oliiti. Innis, Waaqayyo abbaa ifaa biraa dhufa. Isa bira sababii gaaddidduun naannofteef gara galuun hin jiru. 18 Waaqayyo akka nuti dubbii isaa irraa dhalannuuf nu fo’ate. Akka nuti uumama hundumaaf ija qabeeyyii taanuuf. 19 Isin kana beektu, yaa jaallatamoo obboloota ko. Namni hundumtuu dhaga’uuf ariifataa haa ta’u. dubbachuuf immoo suura haa jedhu; ariifis suuta haa jedhu. 20 Aariin namaa qajeelummaa Waaqayyoo fiixaan hin baasu. 21 Kanaad xurii hundumaa of irraa baasaatii, hamaa hundumaas. Gaarummaadhaan sagalicha isa dhaabatte fidhadhaa, isa lubbuu keessan fayyisuu danda’u. 22 Warra dhagaa’an qofaa utuu hin ta’in warra sagalicha hojii irra oolchanis ta’aa,warra ofii isaanii gowwomsan hin ta’inaa. 23 Nami tokko yoo kan hojii irra hin oolchine, dhageessuu qofaa ta’e, inni akka nama fuula uumamaa isaa of ilaallee keessatti ilaaluuti. 24 Inni ofii isaa ilaalee, yeroo adeemu battaluma immoo maal akka fakkaatu irranfata. 25 Garuu namni inni eeggannaadhaa seera walabummaa ilaaluu fi akkuma sanattis ilaaluu itti fufu, dhaga’ee isa irraanfatu, namni akkasii hojii isaa keessatti ni eebbifama. 26 Namni tokko yoo ani amanaadha jechaa, arrabsa isaa immoo hin to’anne, inni garaa isaa gowwomsa, amantii isaas gatii hin qabaatu. 27 Amantii isa Waaqayyoo abbaa keenya duratti qulqulluu ta’ee fi hin manca’in, warra abbaa hin qabnee fi dubartootas rakkina isaanii keessatti gargaaruuf, akka isaan biyya lafaa keessatti utuu hin manca’in jiraataniif.