1

1 Phaawuloos ergamaan, ergamaa isa nama biraa yookaan dhaabbata biraa ta’e miti. Garuu, Kiristoos Yesuusii fi Waaqayyo abbaa keessaan, isa du’aa isa kaase. 2 akkasuma obboloota warra anaa wajjin biraa biraa, waldaa amantoota Galaatiyaatiif. 3 Ayyaanni isiniif haa ta’u, nagaanis Waaqayyo abbaa fi gooftaa Yesuus Kiristoos biraa. 4 Isa bara hamaa kana jalaa nu baraaruudhaaf jedhee sababii cubbuu keenyaaf of kenne. Akka fedha Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenyaatti. 5 Isaaf ulfinni baraa hanga baraa baraatti haa ta’u. Ameen. 6 Anaan waa’een isa isin saffisa akkasiitiin isa ayyaan Kiristoosiin isin waame irraa gara galtanii na dhiba. Gara wangeela kan biraatti gara galuun eesskan na dhiba. 7 wangeelli kan biraan hin jiru, garuu namoonni tokko tokko warri isin rakkisanii fi wangeela kiristoosis booressuu barbaadan jiru. 8 Garuu yoodhuma nu’i, yookaan erganmootni waaqa irraa illee wangeela isa nuti isinitti lallabne irraan adda ta’e isnitti lallaban, kan abaaraman haa ta’ani. 9 Akkuma duraan dubbannee turre, ammas irra irra deebi’een jedha, “Yoo namni tokko wangeela isa isin duraan fudhattan irraa adda ta’e isinitti lallabe, abaaramaa haa ta’u” 10 Ani amma oolmaa namootaa yookaan kan Waaqayyoon barbaadaa? Namoota gammachiisuun barbaadaa? Yoon amma iyyuu nama gammachiisaan jira ta’e, ani hojjetaa Kiristoos miti. 11 Obbolootaa, beekuu waanan barbaaduuf, wangeelli inni ani isinitti isa kan namaa miti. 12 Ani nama tokko irraa illee isa hin fudhanne, yookaan hin barsiifamne, mul’ata isa Yesuus Kiristoos biraa anaaf kennameedha. 13 Wa’ee jireenya yihuudimmaa kootii isa duraanii dhageessaniittu, akkamitti akkan cimsee waldaa kiristiyaanaa ari’achaa turee fi akka ani itti balleessuuf yaalaa tures jabaa ture. 14 Yihuudummaatti namoota baay’ee gita umurii kootii turan caalaa ani jabaan ture. Kun immoo ammam akka ani aadaa abboota mootiif hinaaffaa jabaa qabaachaa ture argiisa. 15 Garuu, Waaqayyo inni gadameessa haadha kootii keessatti adda ana baafatee fi ayyaana isaa keessaan na waame gammadaadha. 16 Ilma isaa ana keessaan mul’isuudhaaf, akka ani warra ormaa keessatti wangeela isaa lallabuuf, ani battaluma foonii fi dhiigaa wajjin hin mari’anne. 17 ani gara warra ana dura Yerusaalemitti duuka buutota ta’aniis ni dhaqne, qooda isaa, gara biyya Arabaa dhaqeen Damaasqoottis deebi’e. 18 Isa booda, waggaa sadii booda, Keefaa wajjim wal arguuf jedheen gara Yerusaalem dhaqeen guyyoota kudha shan isaa wajjin taa’e. 19 Garuu immoo Yaaqob irraan kan hafe bartoota warra kaan hin argine; isa obboleessa gooftaa. 20 Isa ani siif barreesse keessatti, akka inni doba hin ta’in Waaqayyoo durattin siif mirkaneessa. 21 isa booda gara kutaa Sooriyaa fi Qiliqiyaan dhaqe. 22 Ani amma iyyuu waldootii kiristoyaanaa Yihudaa warra kiristoos keessa jiran qaamaan hin beeku. 23 Isaa utuu “Nanmi inni nu ari’achaa ture amma oduu gaarii isa kanaan dura balleessuuf ture lallabaa jira” jedhemuu dhagaa’an. 24 Kanaa isaan waa’ee kootiif Waaqayyoon halateeffatan.