1 Jaallatamo, Kun xalayaa isa lammaffaa isa ani isiniif barreesseedha, lamaan isaanii keessatti iyyuu xalayoonni kun, sammuu keessan isa gaarii kakaasuufi. 2 Akka isin sagalee isa kanaan dura raajota warra qulqullootaan dubbatamee ture yaadattanii fi abboommii gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenaa isa ergamoota keessaanii kennames. 3 Dura kana beekaa, warri ga’isan akka bara dhumaatti dhufan. Isaan ni qoosu, akka fedha ofii isaaniitts itti ni fufu. 4 Isaan akkas jedhu, "Waadaan deebi’uu keetii eessa jira? Bakka abbootiinn keenya rafanii, waanti hundumtuu akka turetti jira, erga bara uumamaatii kaasee,” 5 Isaan beekaadhuma itti yaadanii akka bara dheeraa dura biyyi lafaa sagalee Waaqayyoon bishaan keessaa bishaaniin uumamte irraanftu, 6 Karaa isa ittiin biyyi lafaa bara sana bade. Bishaan irra yaa’ee. 7 Sagaleedhuma wal fakkaataadhaan, waaqnii fi biyyi lafaa abiddaaf kaa’amani; guyyaa firdiiti fi akkasuma guyyaa diigamuu warra sodaan Waaqayyoo keessa hin jirreef kaa’aman. 8 Yaa jaallatamo, kana hin irraanfatinaa, akka gooftaa wajjin guyyaan tokko akka guyyaa kuma tokkoo ta’e, waggaan kumni tokko immo akka guyyaa tokkoo ta’e. 9 Waaqayyo waa’ee abdii isaatiif suuta hin jedhu, akka namootni suuta jechuu isaa barbaadan. Qooda isaa, inni waa’ee keesaniif obsa qabeessa. Eenyuu keessa illee akka baddaan hin fedhu, gara qalbii jijjiirranaatti aka dhuftan malee. 10 Haa ta’u malee, guyyaan gooftaa aka hattuutti ni dhufa, waaqonni sagalee guddaadhaan ni badu. Qabiiyeewwan isaa abiddaan ni gubatu, lafaa fi hojii ishee keessa jiru duwwaa ni ta’u. 11 Yeroo waantotni kun bifa kanaa badan, isin namoota akkamii taatu? Isin jireenya qullaa’aa fi Waaqayyoon fakkaatu jiraattu. 12 Guyyaa dhufaatii Waaqayyoo eeggachuu fi ariifachiisuutu isin irra jira. Guyyaa sana, waaqonni abiddaan ni badu, qabiiyyeewwan isaas ho’a guddaan ni baqu. 13 Garuu akka waadaa kanaatti nuti waaqa haaraa fi lafa aaraa eegganna, bakka warri qajeelonni jiraatan. 14 Kanaaf, jaallatamo, yeroo waanota kana eeggattan, isa duratti muda maleeyyii fi warra hin komatamne ta’uuf hanga dandeessan hojjedhaa, nagaadhaan. 15 Akkasuma, obsi Waaqayyoo fayyina keessaniif akka ta’e beekaa, akkuma obboleessi keenya jaallatamaan Phaawulos isiniif barreesse, akka ogummaa isa isaaf kennameetti. 16 Phaawulos xalayoota isaa hundumaa keessatti waa’ee isaan kanaa ni dubbata, isa waanotni hubachuun isaa keessa jiru keessatti. Namoonni warri hin hubannee fi tasgabbii hin qabne kana ni jallisu. Yeroo caaffata qulqulla’aa kan biraa qopheessan, diiguma ofii isaaniitiif. 17 Kanaaf, yaa jaallatamo, erga waa’ee waantota kanaa dursitanii beektu ta’ee, akka namoota warra seera hin beekneen hin gowwomsanneef of eeggadhaa; akkasuma akka amantii keessanis hin dhabnetti. 18 garuu, ayyaanaa fi fayyinaa keenya gooftaa Yesuus Kiristoosiin beekuutti guddadhaa. Isaaf ulfinni ammas, bara baraanis isaaf haa ta’u. Ameen!