1 Simoon Pheexros, garbichaa fi ergamaa Yesuus Kiristoos, warra amantii isa gati qabeessa akkuma keenya kan keenyaa fudhate, amantii qajeelummaa Waaqayyoo keenyaa fi fayyinaa keenya Yesuus Kiristoos keessatti. 2 Ayyaanaa fi nagaan nagaan Waaqayyoo fi gooftaa keenya Yesuusiin beekuun isiniif haa baay’tau. 3 Humna Waaqummaa isaatiin, waan hudumtuu jireeyaa fi Waaqayyoon fakkaachuun isa beekuu keessaan nuuf kenname karaa isa ulfinaa fi sadarkaa guddaan nu waamee. 4 Kennaa kanaan isin badiisa isa sababii kajeellaa fooniitiif, biyya lafaa kana keessa jiru jalaa baatanii, dhaqna hafuraa isa kan Waaqayyootti hirmaattuu akka taataniif, abdiin gati jabeeyyiinii fi gurguddoon nuuf kennamaniiru. 5 Sababii kanaaf, amantii keessanitti gaarummaa dabaluuf dhama’aa, gaarummaan immo akka beekumsa fiduuf. 6 beekumsi of to’achuu, of to’achuun immoo obsa, obsi immoo Waaqayyoon fakkaachuu fida. 7 Waaqayyoon fakkaachuun obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuun immoo jaalala. 8 Yoo isaan kun isin keessa jiraatanii isin keessattis immoo guddatani, akka isin dhabduu fi ija dhabeeyyee hin taane isin eega, gooftaa Yesuus Kiristoosiin beekuutiin. 9 Garuu namni kana hundumaa hin qabne, jamaadha fageessee hin argu, cubbuu isaa isa darbe irraa dhiqachuu isaa nama irraanfate. 10 Kanaaf, obbolootaa, waamamuu fi fo’amuu keessan mirkeeffachuudhaaf dhama’aa; yoo isaan kana hojii irra oolchitan, hin gufattanis. 11 Akkasitti mootummaa gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos isa bara baraa sansatti galuu, isiniif ni kennama. 12 Kanaaf, yeroo hundumaa isaan kana isin yaadachiisuuf qopha’aadha. Yoodhuma beektu ta’e illee, yoodhuma dhugaa amma qabdanitti jaboo taatan illee. 13 Kun anaaf sirriidha jedheen yaada, yeroon dunkaana keessa jiru, karaa yaadachiisuu isin kakasuudhaaf. 14 Godoo koo isa lafarraa kana of irraa baasuun koo dhiyootti akka ta’e beeka, sababiin isaa gooftaan keenya Yesuus Kiristoos kana anatti mul’iseera. 15 Adda ba’uu koo boodas akka isin waantota kana hundumaa yaadattanii gootaniif arguuf yaalii nan godha. 16 mammaksa isa namoota si’aa’ootiin qophaa’e hin hordofne, yeroo humnaa fi waa’ee dhufaatii gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isinitti himne, garuu, nuti ulfina isaatiif dhuga baatota turre. 17 Waan inni kabajaa fi ulfina Waaqayyo abbaa biraa fudhateef, yeroo sagaleen ulfina kabaja isaan gara isaa dhufe, “ Kun ilma koo isa jaallatamaadha, ani isatti baay’een gammada.” inni jedhu. 18 Nuti ofii keenyaa, utuu sagaleen kun waaqa irraa dhufuu dhageenyeerra, yeroo isaa wajjin gaara isa qulqulla’aa irra turre. 19 sagalee raajii isa caalaatti ifaa ta’es qabna; isa isin gaarii gootanii hojjechuuf gatii itti kennitan, akkuma ibsaan bakka dukkanaatti ifu hanga guyyaan bari’ee biiftuun barii ba’utti garaa keessan keessatti. 20 Hundumaa caalaa, akka raajiin caaffattoota qulqulla’oo hiikaa nama tokko illee hin dhufin hubachuun isin irra jira. 21 raajin tokko illee fedha nama tokko illee takkaa hin dhufne, namootni yeroo karaa hafuura qulqulluu Waaqayyoo biraa fudhatan dubbataniiru.