1

1 Phaawulos, duuka buutuu Kiristoos Yesuus akka abboommii Waaqayyoo keenyaa isa fayyisaa fi Kiristoos Yesuus isa abdii keenyaatti. 2 Ximotewosiif, ilma amantii isa dhugaaf, ayyaanni, araarrii fi nagaan Waaqayyo abbaa fi kiristoos biraa. 3 kkuman yeroon gara Maqedooniyaa dhufuuf ture, akka ati hoojjettuuf si ariifachiise, Efesonitti haftee, akka namoonni tokko barsiisa kan biraa hin barsiinfe akka abboomtuuf. 4 Akkasuma akka isaan seenaa fi hidda dhalootaatti gatii hin kennineef. Kan karoora Waaqayyoo isa amantiidhaan ta’e caalaa, falmii guddisa. 5 amma egaa kaayyoon abboommichaa jaalala garaa irraa ka’eedha. Qalbii gaarii irraa fi amantii garaa irraa ta’e irraa. 6 Namoota waanota kana irraa dogogganii dubbii waa’ee hinbaafnetti goran jiru. 7 Isaan barsiisota seeraa ta’uu barbaadu, garuu waanta dubbachaa jiran yookaan waanta ija jabummaadhaan jabeessaa jiran hin beekani. 8 Garuu nama seeraan itti gargaarmuuf seerri dhimma ni baasa. 9 Nuti kan beekna, akka seerri nama qajeelaadhaaf bakka hin buune. Garuu immoo warra seera malee jiraatanii I jallootaaf malee, warra Waaqayyoon hin beeknee fi cubbamootaaf, warra cubbamootaa fi ciiggaasisoo, warra abbaa fi haadha isaanii ajjeesaniif, warra jjeesaniif. 10 Namoota warra ejjitootaaf, warra naamusa hin qabneef, warra sagaagalummaa raawataniif, warra namoota garbummaadhaaf butaniif, warra sobaniif, warra sobaan dhugaa ba’anii fi akkasuma warra barsiisa dhugaan mormaniif. 11 Qajeelfamni kun akak ulfina wangeela Waaqayyoo isa eebbifamaatti isa an itti amaneetti. 12 Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin nan galateeffadha; inni na jabeesse, amanamaa godhee na simate, akkasuma immoo tajaajilaaf ana muude. 13 Ani kan nama arrbsu, ari’atuu fi nama dubbii jaal’atusin ture. Garuu, utuun hin amanin, beekumsa malee waanan hojjedheef araaran fudhadhe. 14 Ayyaanni gooftaa amanii fi jaalala Yesuus kiristoosiin ana irra darbaa dhangala’e. 15 Ergaan kun fudhatamuudhaaf amansiisaa fi ga’aadha; akka Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe. Isa ani isa ani isa geggeessaafii ta’e. 16 Garuu sababii kanaaf, araaran argadhe, ana keessatti, isa ajajaa, Yesuus kiristoos obsa hundumaa ni argisiisa, inni kana hundumaa warra isatti amananii jireenya bara baraa fudhataniif akka fakkeenyaatti godhe. 17 amma mootuu barootaaf, isa hin dune, hin argamne, Waaqayyo isa qulqulluu, ulfinni baraa hanga bara baraatti haa ta’uuf. Amen. 18 ani abboommii kana isin duran kaa’a, Ximotewos ilma ko, akka raajii isa duraan waa’ee keetiif dubbatameetti, akka ati lola amantii isa gaarii loltuuf, 19 Amantii fi qalbii gaarii qabaattee. Kana dhiisanii, amantii isaanii akka caccabaa doonii godhaniiru. 20 Warri akka Himnewosii fi Iskindir, warra akka isaan nama hin arrabsineef ani seexana itti gadi dhiise.