1 Isa jalqabaa kaasee, dhageenye, isa ija keenyaan argine, isa ilaallee fi harki keenya tuqe, sagalee jireenyaa ilaalchisee. 2 Akkasuma, jireenyichi beeksifameera, nutis isa arginee dhugaas baaneerra. Nuti jireenya bara baraa isa Abbaa bira turee fi nutti beeksifame isinitti labsaa jirra. 3 Waan arginee fi dhageenyes isinitti himna, kanaaf isinis nuu wajjin hariiroo ni qabaattu. Hariiroon keenya abbaa wajjinii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosii wajjini. 4 Akkasuma, waantota kana akka gammachuun keessan guutuu ta’uuf isinii barreessina. 5 Kun ergaa isa nuti isa irraa dhageenyee fi isinittis labsaa jirruudha. Waaqayyo ifa, isa keessa tasumaa dukkanni hin jirru. 6 Nuti akka isaa wajjin hariiroo qabnuu fi dukkana keessa adeemnu yoo argine, nuti sobdotaa fi warra dhugicha shaakalaa hin jirreedha. 7 Garuu akkuma inni ifa keessa jiru nuti yoo ifa keessa jiraanne, walii keenyaa wajjin hariiroo yoo qabaanne, dhiigni ilama isaa Yesuus cubbuu hundumaattii ni qulleessa. 8 Nuti yoo cubbuu hin qabnu jenne, ofii keenya gowwomsina, dhugichis nu keessa hin jiru. 9 Garuu immoo yoo cubbuu keenya himanne, inni cuubbuu keenya nuuf dhiisuu fi xuraa’ummaa hundumaattiis nu qulleessuudhaaf amanamaadha. Garuu yoo qalbii jijjiirranne, inni amanamaadha cubbuu keenya nuuf dhiisuudhaaf 10 Nuti yoo cubbuu hin goone jenne, sobduu isa taasifna, dubbiin isaas ni keessa hin jiru.