Boqonnaa 1

1 Baroota dheeraa dura, Waaqayyo yeroo adda addaatti karaa hedduudhaan raajotaan abboota keenyatti dubbataa ture.. 2 Garuu baroota dhumaa kanatti, inni karaa Ilma isaa isa dhaaltuu waan maraa ta’eetiin nutti dubbate. Waaqayyo kan inni ardii kana hojjetes karaa isaatiin ture. 3 Inni calqqisa ulfina Waaqayyoo ti, jiraachuu isaatiif bakka bu’aa isa dhugaa. Inni jecha aangoo isaatiitiin wanneen mara walitti isaan qaba. Cubbuu namootaa erga isaan irraa qulleesse booda, inni mirga Mooticha isa ol aanaa dhaqee taa’eera. 4 Inni akkuma maqaan inni dhaale kan isaanii irra caala ta’e sanatti, inni ergamoota Waaqayyoon ol kan jiru ta’e. 5 Waaqayyo ergamaa isaa isa kamiin akkana jedhee beeka, "Ati Ilma koo ti, Ani har’an Abbaa siif ta’e "? Yookaan Waaqayyo ergamaa isaa isa kamiin iyyuu akkana jedhe, "Ani Abbaan isaa ta’a, Akkasumas inni Ilma anaaf ta’a "? 6 Garuu ammas, Waaqayyo yommuu isa angafa dhalate gara adduunyaa kanatti fidu, akkana jedha, "Ergamoonni Waaqayyoo marti isa waaqessuu qabu." 7 Waa’ee ergamoota Waaqayyootiif inni akkana jedha, "Inni isa ergamoota isaatiif hafuura kennuu dha, Akkasumas tajaajiltoota isaatiif ibidda boba’u." 8 Garuu Ilmaan akkana jedha, "Teessoon kee, yaa Waaqayyo, bara baraan jiraata. Uleen qajeelinaas ulee mootummaa keetii ti. 9 Ati qajeelina jaallattee, seer-dhabiinsa jibbite. Kanaafuu, Waaqni kee, siin warra si faana jiran hundumaa irra dibata gammachuutiin si dibeera.” ." 10 "Jalqaba irratti, yaa Gooftaa, ati hundee lafaa keesse. Samiiwwanis hojii harka keetii ti. 11 Isaan ni badu, ati garuu dabartee ni jiratta. Isaan akka cittuu wayyaatti ciccitanii badu . 12 Ati akka harka uffataatti isaan dadachaafta, Isaanis akkuma cittuu uffataatti ni jijjiiramu. Ati garuu isuma sana, baroonni kees dhuma hin qaban." 13 Garuu Waaqayyo ergamaa isa kamiin iyyuu akkana jedhee beeka, , "Ati gara harka koo mirgaa taa’I hangan diinota kee ejjennaa miila keetii siif godhutti"? 14 Ergamoonni marti hafuurota warreen fayyina dhaalan tajaajilan miti moo?