1 Phaawuloos isa eyyama Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Iyyasuus ta'e irraa, gara qulqullota Kiristoos Iyyasuusitti amantanii Epheesoon keessa jiraattaniif. 2 Abbaa keenya Waaqayyoo fi Gooftaa Iyyasuus Kiristoos irraa ayyaanii fi negeenyi isiniif haa ta'u 3 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos inni karaa Kiristoosiin eebba hafuuraa hundaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu. 4 Inni akka nuti fuuldura isaatti qulqullootaa fi warra cubbu hin qabne taanuuf otoo addunyaan hin uumamiiniin dura karaa Iyyasuus Kiristoosiin nu filateera. 5 Akkuma kaayyoo eyyama isaattis akka nuti karaa Iyyasuus Kiristoosiitiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee jaalalaan murteesse. 6 Kunis bu'aan ulfinni ayyaana isaa kan inni karaa ilma isaa isa jaalatamaa sanaatiin tolumaan nuu kenne sun akka galateeffamuufii dha. 7 Nutis Iyyasuus Kiristoosiin akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqayyootiin karaa dhiiga Iyyasuusiin furamaa fi dhiifama cubbuu argannerra. 8 Innis ayyaana isaa qaroomaa fi hubbannaa hundaan nuu baay'ise. 9 Innis akka nuti iccitii eyyama isa kan akka yaada isaa isa gaarii inni karaa kiristoosiitiin hojjachuu barbaade sana beeknu godhe. 10 Kunis ilaalcha tokkoon akka karoora yammuu yeroon gahee guutamamu waan hunda tokkummaadhaan waan samii irra jiruu fi waan lafa irra jiru hunda, mataa tokko, Kiristoosillee, fiduudhaafi. 11 Nutis akkuma karoora isa waan hundaan akka kaayyoo eyyama isaatti hojjatu sanaatti duraan durfamnee murteeffamneef karaa Kiristoosiin dhaala argannerra. 12 Sababni Waaqayyoo nu filateef nuti warri Kiristoos abdachuutti kanneen jalqaba taane akka galata ulfinaa isaa taanuufiidha. 13 Isinis yeroo dubbii dhugaa, inni wangeela fayyina keessani dhageessan, isattis amanuun, achiin chaappaa Hafuura Qulqulluu isa abdii kennameetiin chaappeffamtanii jirtu. 14 Kunis hanga warri kan Waaqayyoo ta'an galata ulfina isaanitiif furamanitti qabdii dhaala keenyaa nuuf mirkaneesuudha. 15 Sababa kanaafis ani yammuun waa'ee amantii isin Gooftaa Iyyasuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqullootaa hundaaf qabdan dhagayee jalqabee, 16 kadhannaa koo keessatti isin yaadachaa waa'ee keessannif waaqayyo galateeffachuu hin dhaabne. 17 Abbaa ulfinaa kan ta'e Waaqa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos akka isin isa beektaniif hafuura qaroomaatiif muldhina akka isiniif kennuu nan kadhadha. 18 Akkasumas abdiin inni ittiin isin waame sun maal akka ta'e badhaadhummaan dhaal qulqullootaa ulfina qabeessisun maal akka ta'e akka beektaniif iji laphee (onnee) keessanii akka banamuuf Waaqayyon kadhadha. 19 Humni isaa inni nu warra amanu keessatti hojjatu ammam guddaa akka ta'e akka beektaniifis nan kadhadha. Humni sunis isuma Waaqayyo yammuu akkaataa hojii jabeenya humna isaatii. 20 Kunis akkuma Kiristoosiin warra du'an keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana muldhisee dha. 21 Innis Kiristoos ol-aantummaa, aangoo, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qpfa otoo hin ta'iin bara isa dhufuuf jiru keessattis maqaa kennamuu hundaa olitti mirga ofii teessise. 22 Waaqayyos waan hunda miila Kiristoos jala galche; waldaaf isa kennuun mataa waan hundaa godhee isa muude. 23 Waldaan nafa (qaama) isaatiidha, ishinis guutummaa isaa kan inni waan hundaan karaa hundaan guutee dha.