1 Eyyama Waaqayyootiin isa ergamaa Iyyasuus Kiristoos ta'e Phawuloosiifi, obboleessa keenya Ximootiiwoos irraa, gara waldaa Waaqayyoo ishii Qorontos keessaa fi akkasumas qulquloota Waaqayyoo kutaa guutuu Akaayaa keessa jiraatan hundaaf. 2 Ayyaanni isiniif haa ta'u akkasumas Abbaa keenya Waaqayyoo fi Gooftaa Iyyasuus Kiristoos biraa nagaanis. 3 Waaqniifi Abbaan Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos haa eebbifamu. Inni Abbaa aaraaraafi Waaqa jajjabeenya hundaa dha. 4 Waaqayyoo dhiphina keenya hunda keessatti keessa jiran kamiyyuu jajjabeessuu ni dandeenya. Akkuma waaqayyoo nu jajjabeesse sanatti nutis akkasumatti isaan biroo ni jajjabeessina. 5 Akkuma dhiphinni Kiristoos bu'aa keenyaaf nuu baay'ate, akkasuma immoo jajjabeenyis karaa Kiristoosiin nuu baay'ata. 6 Gaaruu yoo nuti dhiphanne, jajjabeenyaa fi fayyina keessaniif dha; yoo nuti jajjabaanne immoo innis jajjabeenya keessanifi dha. Akkuma nutti dhiphanutti isinis immoo akkasumatti dhiphatu kanaafuu jajjabeenyi keessan obsa keessan keessatti bu'a qabeessa ta'ee hojjata. 7 Abdiin nuti isiniif qabnu kan hin sochoonee dha, akkuma isin keenyamoo qooddatan ni beekna. 8 Yaa obboloota, nut akka isin waa'ee dhiphina kutaa Isiyaa keessatti nurra gayee akka otoo hin beekne haftan hin barbaadnu. Lubbuudhaan jiraachuufuu hanga abdii keennuutti dhiphinni ulfaataan humna keenyaa ol ta'e nurra gahee ture. 9 Dhugaadhumaa, nuti akka murtiin du'aa nurratti murteeffameettinutti dhagahama ture. Sunis kan ta'e garuu akka amantiin keenya Waaqayyoo isa du'aa kaasuu qofa irrattimalee akka ofirratti hin taaneefii ture. 10 Inni balaa du'a akkanaa jalaa nu baaseera.akkasuma nu baasas. Akka nu oolchuufis abdii keenya isa irra godhanneerra. 11 Akkuma isin kadhannaa keessaniin nu gargaartan innis immoo kana ni godha. Karaa kadhata namoota baay'eetiin fudhatama waan nuu kennannif akkasuma namootni baay'een nu bakka bu'anii galata kennu. 12 Egaa of jajaluun keenya kanaadha. Qulqullummaafi garraamummaan keenya inni Waaqa biraa arganne biyya lafaa keessatti fi isin jidduutis akka jiraannuu qarooma foonii otoo hin ta'iin ayyaana Waaqayyoottiin akka ta'e sammuun keenya dhugaa nuuf baha. 13 Nuti waan isin dubbiffachuu fi hubachuu hin dandeenye himaa isinii hin barreessine, akka isin guutummaan hubatan abdiin qaba. 14 Akkuma isan gar-tokkeen nu hubattan, akkumanuti isinitti boonnu isinis akkasuma gaaf guyyaa Gooftaa keenya Iyyasuu nutti boonuu ni dandeessu. 15 Kanaafuu anis waa'ee kanaaf waaniin itti amaneef akka isin bu'aa dachaa qabaataniif jedheen gara keessan dhufuu barbaade. 16 Ani yammuun gara maqeedooniyaa deemuu achumaan isinitti goree isin arguuf karoorfadhe. Akkasumas yammuun maqeedooniyaadhaa deebi'u ammas isin argee,achiin yammuun gara yahuudaatti darbu akka na gargaartan barbaadeen ture. 17 Yammuun ani haala kanaan kana karoorsu, otoon itti hin yaadiin ture? Yaadota fooniin karoorsee; yeroodhuma tokkoonin ani. "Eeyyee, eeyyee, fi Lakki, lakki" jedhee? 18 Akkuma Waaqayyo amanamaa ta'e dubbiin nut isinitti himnu garuu "Eeyyee" fi "Lakki" dhaa miti. 19 Sababnis Iyyasuus Kirstoos Ilmi Waaqayyoo inni anis ta'e Silaas fi Xiimootiwoos isin jidduutti lallabne "Eeyyee "fi "Lakki" dhaamiti inni yeroo hunda "Eeyyee" dha malee. 20 Abdiiwwan waaqayyoo hundi karaa isaatiin" Eeyyee" dha. Kanaafuu immoo nutis ulfina Waaqayyootiif karaa isaa "Ameen" jenna. 21 Ammas egaa nu isin waliin kiristoositti jabbannee dhaabannuuf kan godheefi kan nu muude inni Waaqayyoodha. 22 Innis wabii waan gara fulduraatti dhufuuf chaappaa isaattin nu chaappessun Hafuuras onnee keenya keessatti nuuf kenne 23 Ani garuu sababnin gara Qorontoos deebi'ee hindufneef akkan isin hin gaddisiifneef ta'u lubbuu kootiif Waaqayyoon akka dhugaa baatuutti waama. 24 Kunis nuti gammachuu keessaniif akka isin amantii keessaniin jabaattanii dhaabataniif isin waliin hojjanna malee isin irratti gooftaa ta'uu dhaa miti.