1

1 Phaawulos, Yesuus kiristoosiif hidhamaa fi Ximotewos obboleessa, hiriyaa fi hidhata hojii keenyaa Filemonaaf. 2 Aafiyaa obboleettii keenyaa fi Arkiphoos hidhata wal’aansoo keenyaa, akkasuma waldaa amantootaa isa mana kee keessatti walitti qabamuuf. 3 Ayyaanni siif haa ta’u; nagaanis Waaqayyo abbaa keenyaa fi gooftaa Yesuus Kiristoos biraa. 4 Yeroo hundumaa yeroo kadhannaa koo keessatti si yaadadhu Waaqayyoo koo nan galateeffadha. 5 Sababiin isaa amantii isa ati gooftaa Yesuusitti qabduu fi jaalala ati namoota qulqulloota hundumaa qabdu nan dhaga’a. 6 amantii kee qooduun kee bu’a qabeessa akka ta’uuf nan kadhadha. Ati akka waa’ee waantota gaarii nuti Kiristoos keessatti qabnuuf hubannaa gaarii qabaattuuf. 7 Ani sababii jaalala keetiif gammachuu fi jajjabina guddaa argadheera; sababiin isaa garaan namoota qulqulloota Waaqayyoo siin haara’eera, obboleessaa. 8 Kanaaf, yoodhuma ani Kiristoos keessatti waan ati hojjechuun sirra irra si abboomuuf ija jabina qabaadhe illee, 9 Amma iyyuu jaalala irraan kan ka’e, qooda isaa sin gaafadha, ani Phaawulos, jaarsichi, amma immoo Yesuus Kiristoosiif jedhee hidhamee kanan jiru. 10 waa;ee ilma koo Onesimoos sin gaadadha, isa ani hidhaa keessatti abbaa isaa ta’eef, 11 Inni duraa siif dhimma kan hin baasne ture, amma garuu siifis anaafis bu’a qabeessa. 12 Ani deebisee gara keetti isa ergeera, inni garaa koo keessa jira. 13 Inni, utuu ana biratti hafee bakka kee ana tajaajilee nan jaal’adhan ture; yeroon wangeelaaf jedhee hidhamee jirutti. 14 Garuu, fedha keen alatti homaa tokko gochuu hin barbaanne. Hojiin gaariin kee fedhiidhaan malee, dirqamaan ta’uu isaa hin barbaanne. 15 Tarii kanaaf jedhee yeroodhaaf sittii adda ba’eera; atis akka deebifte isa argattuuf. 16 Inni kana booda garbicha miti; obboleessa isa jaallatamaadha. Keessumaa inni anaaf jaallatamaadha. Siif immoo ni caala, fooniinis gooftaa keessattis. 17 Kanaaf yoo akka hidhata hojiitti ana qabaatte, akka kootti isa simadhua. 18 Yoo inni sitti balleesseera yookiis waa si jalaa fuudheera ta’e, anatti lakkaa’i. 19 Ani Phaawulos, kana harka kootiin siif barreessa. Ofii kootiin siif baasa. Ati akka ati ofiin kee kan koo taate homaa hin dubbadhu. 20 Eyyee, obboleessaa, Gooftaa keessatti ati dhimma anaaf baasi. Kiristoos keessatti garaa ana ciibsi 21 waa’ee abboomamuu kee itti amanee, kana siif barreessa. Akka ati isan gaafachaa jiru kana caalaa hojjettu beeka. 22 Akkasuma, kutaa keessummaa anaaf qopheessi; karaa kadhannaa keetii gara keetti akka deebi’u waanan abdadhuuf. 23 Ephaafraas, Yesuus kiristoos keessatti miiltoon koo isa hidhamaanis si dubbisa. 24 Maarqos, Arsxaarkos, Deemaasii fi Luqaa hojjetootni michootni koos. 25 Ayyaanni gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura kee wajjin haa ta’u. Ameen.