1

1 Yihudaa, tajaajilaa Yesuus Kiristoosii fi obboleessa Yaaqob, warra waamamaniif, warra Waaqayyo abbaatti jaallataman, warra Yesuus Kiristoosiif eegamaniif. 2 Araara, naagaa fi jaalli siif haa baay’atu. 3 Yaa Jaallatamo, waa'ee fayyina waloo keenyaa isiniif barreessuuf carraaqii hunda osoon gochaa yeroon ture, amma amantii isa al tokkicha yeroo hundumaaf akka ta’utti warra Waaqayyoof qulqull’aanitti dabarfame sanaaf akka loltaniif caafee, isin gorsuun dirqamaan barbaachisaa ta’uu isaa. 4 Namoonni tokko tokko dhoksaan isin gidduu seenaniiru. Namoonni kun ceepaha’amuuf mallatteeffamnii turan. Isaan namoota Waaqayyoon hin sodaanne warra ayyaana Waaqayyo keenyaa gara miira namaatti jijjiiraniidha. Akkasuma isaan, gooftaa keenya isa tokkicha Yesuus Kiristoosiin ni fanu. 5 Ani amma isin yaadachiisuun barbaada, yoodhuma yeroo tokkicha guutummaatti beektaniittu iyyuu ta’e, akka Waaqayyo saba isaa biyya Gibxii baase, isa booda garuu inni warra hin amanne ni balleesse. 6 Akkasuma, ergamoota warra bakka aboo isaanii hin eeggannes, warra bakka jireenya isaanii isa sirrii dhuusan. Waaqayyo guyyaa guddaa sanatti firdiidhaaf hidhaa bara baraa, dukkana guutuu keessatti isaan eegeera. 7 Akkasumas Sodoomii fi Gomoraa fi magaalonni naannoo isaanii jiran saalqunnamtii jallaa fi gocha saalqunnamtii jalʼaadhaaf of kennan. Isaan warra adabbii ibidda bara baraatiin dhiphataniif fakkeenya ta’anii tajaajilu. 8 Akkasuma haaluma wal-fakkaatuun abjoottoonni kun qaama isaaniis xureessuu. Isaan aboodhaan ni mormu, warra ulfina qabeessa immoo maqaa balleessu. 9 Mikaa’el inni ergamaan illee, yeroo inni seexanaa wajjin wal falmaa turee fi waa’ee reeffa Musee irratti wal falmaa ture, murtii arrabsoo isa irratti fiduuf ija hin jabaanne, inni garuu "Gooftaan si haa ifatu!" jedhe. 10 Garuu namoonni kun waan hin hubanne arrabsu; akkasumas waan isaan hojjetan uumamaan hubatu. Akkuma bineensota warra sammuu hin qabne, wantoota warra isaan balleessan. 11 Isaaniif wayyoo! Sababni isaas, karaa Qaayin irra deddeebi'aniiru, bu'aa argachuufis dogoggora Bala'aamiin liqimfamaniiru. Akkuma Qooraayi mormanii Waaqayyoo irratti ka’uu isaaniitinis balleeffamuu isaaniiti. 12 Jarri kun irbaata jaalalaa isa wajjin qabdan yeroo malee isin wajjin nyaachuun isaanii xurii isinitti ni ta’a. toksitoota warra ofii isaanii qofaa sooran. Isaanis duumessa rooba hin qabnee fi qilleensi baatuudha. Mukkeetii birraa, firii hin qabne—yeroo lama du’an, hundee irraa buqqa’an. 13 akkuma dha’aan galaanaa inni unkuramaan, hoomocha baasu, isaanis hojii isaanii isa yeellasisaa, akka hoomichaatti ol ni baasu, isaan akka qorsaati, iddoon dukkana limixii bara baraan isaaniif kaa’ame, jira. 14 Henok, Addaam irra inni torbaffaan waa’ee isaanii akka jedhee raajii dubabteera, "Ilaalaa! Gooftaan qulqulloota isaa kumaatamaa fi kumaatamaan dhufaa jira." 15 Inni namoota hundumaatti faraduudhaaf dhufaa jira. Inni namoota Waaqayyoon hin sodaanne hundumaa hojii isaan karaa Waaqayyoon hin sodaanneen hojjetan hundumaa irratti murtii kennuudhaaf dhufaa jira; akkasuma, dubbii hadhaawaa warri cubbamoonni Waaqayyoon hin sodaanne isa irratti dubbatan hundumaattis. 16 Isaan kun warra gunguman, komatan fi fedhii hamaa ofii isaanii hordofaniidha. Afaan isaanii sagalee guddaadhaan of jajuu dubbata, bu’aa argachuuf warra kaan ni jajjabeessa. 17 Isin warri jaallatamoon garuu, sagelee isa dur ergamoota gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin dubbataman yaadadhaa. 18 Isaan, “Bara dhumaatti warri qoosan, warrai Waaqayyoon hin sodaanne fi fedhii ofii isaanii hordofan ni jiraatu. 19 Isaan addaan qoodamuu ni fidu, isaan kan biyya lafaati, hafuurichas hin qabani. 20 Isin garuu, yaa jaallatamo, amantii keessan isa hunda caalaa qulqulluu taʼeen of ijaaraa, hafuura qulqulluutiinis kadhadhaa. 21 Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegaa, akkasuma, araara Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa jireenya bara baraa isiniif fidu eeggadhaa. 22 Warra shakkanitti araara argisiisaa. 23 Warra kaan abidda keessaa butaa baasaa, warra kaanitti sodaadhaan araara itti argisiisaa, uffata fooniin xuraa’e illee akka jibban. 24 Amma isa akka isin hin gufannee fi fuula isaa isa ulfina qabeessa dura mudaa malee fi gammachuu guddaadhaan akka dhaabbattu si gochuu danda’uuf, 25 Waaqayyoo keenya isa tokkicha karaa goofta keenya Yesuus Kiristoos ni fayyiseef, ulfinni haa ta’u, ulfinni, ol-aantummaa fi aboon, bara hundumaa amma kaasee hanga bara baraatti isaaf haa ta’u. Ameen.