1 Obbolootaa, namni tokko irra daddarbaa kamiin iyyuu yoo qabame, isin warri hafuuraan geggeeffa garraamumma hafuuraan isa deebisuutu isin irra jira. Waa’ee ofii keessaniif yaadaa, isinis akka hin qoramnetti. 2 Ba’aa walii keessanii baadhaa, akka seerri kiristoos akka fiixaan ba’utti. 3 Namni tokko utuu homaa hin ta’in akka waa ta’eetti yaade, inni ofii isaa gowwomsa. 4 tokkoon tokkoo namaa hojii ofii isaatii qoree ilaaluutu irra jira; isa booda of tuuluun isaa ofii isaa keessa ta’a malee nama kan biraa keessa miti. 5 Namni hundumtuu ba’aa mataa isaatii waan baatuuf. 6 Namni sagalicha barate, waan gaarii hundumaa nama isa barsiisaaf qooduutu irra jira. 7 Hin gowwominaa. Waaqayyo itti hin qoosamu, namni waanuma dhaabe haammata. 8 Namni foon ofii isaatiif sanyii facaasu, foon irraa badiisa ni haammata. Namni hafuura isaaf sanyii facaasu, hafuura irraa jireenya bara baraa ni haammata. 9 Waan gaarii gochuutti hin dhiboofnu, yoo abdii hin kutannu ta’e, yeroo isa sirriitti waan haammannuuf. 10 kanaaf egaa, utuu carraa qabnuu, amoota hundumaaf gaarii haa goonu, keessumaa warra maatii amantii ta’aniif 11 Xalayaa dheeraa isa ani harka kootiin isiniif barreesse ilaalaa. 12 Warri qaamaan gaarii ta’uu barbaadan, akka isin kittaanamtan isin dirqisiisuu barbaadu. Isaan akka isin fannoo Kiristoos jettanii hin ari’atamneef kana godhu. 13 Warri ofii isaanii kitaanan illee seericha hin eegani, garuu akka isin kitaanamtan immoo ni barbaadu, akka isin waa’ee qaama keessaniif of tuultaniif. 14 Ani garuu, fannoo gooftaa Yesuus kiristoosiin malee tasa of hin jaju. Kara isa ittiin biyyi lafaa anaaf fannifamee, anis biyya lafaaf. 15 Kittaanamuunis, kittaanamuu dhiisuunis bu’aa hin buusu, garuu uumama haaraa ta’uutu bu’aa qaba. 16 Warra akkasitti adeeman hundumaaf, nagaa fi araarri isaan irratti haa ta’u, Waaqayyo Isaraa’el irrattis. 17 Ammaa kaasee namni kam iyyuu ana hin rakkisin, ani qaama koo irratti mallattoo Yesuus baadheera. 18 Ayyaanni gooftaa Yesuus Kiristoos hafuura keessaanii wajjin haa ta’u. Ameen.