1

1 Maanguddoo isa jaallatamaa Gaa’iyoosiif, isa ani dhugaatti haalladhuuf. 2 Yaa jaallatama, waan hundumtuu gaarii akka siif ta’uu fi fayyaas akka qabaattu nan kadhadha. Akkuma lubbuu keetiif gaarii ta’e. 3 Yeroo obboloonni dhufanii waa’ee dhugaa naaf ba’an guddaan gammade; akka ati dhugaan adeemaan jirtu. 4 Ani kana caalaa gammachuu hin qabu, isa ijoolleen koo dhugaadhaan adeeman dhaga’uu caalaa. 5 Yaa michoo ko, ati yeroo obbolootaa fi warra ormaadf hojjettu amanamummaa shaakalta. 6 Warra jaalala kee waldaa amantootaa keessatti dhugaa ba’an. Karaa Waaqayyoof maluun adeemsa isaanii irratti isaan erguun kee gaariidha. 7 Sababiin isaa, isaan maqaa kanaaf jedhanii ba’an, warra ormootaa biraa homaa hin dudhanne. 8 Kanaaf dhugaaf akka waliin hojjennuuf namoota akkanaa simachuu qabna. 9 Ani waan tokko waldaa kiristiyaanaaf barreesseera, garuu, Diyooxiraaxis inni isaan keessaa tokkoffa ta’uu barbaadu, nun fudhanne. 10 Kanaaf yoon dhufe, hojii isa inni hojjetettin gatii kenna, sobaan jechoota hamoodhaan nu himate. Sanattis hin quufne, ofii isaatii obboloota simachuu diduu qofa utuu hin ta’in, garuu warra isaaniin simachuu barbaadanis dhaabsisee waldaa amantootaa keessaa isaan ari’a. 11 Yaa michuu ko, waan hamaa ta’e utuu hin ta’in, waan gaarii fakkaadhu. Namni waan gaarii hojjetu Waaqayyoo biraati, inni hamaan garuu Waaqayyoon hin argine. Inni hamaa hojjetu Waaqayyoon hin argine. 12 Dimexiroos, namoota hundumaa biraa dhuga ba’umsa gaarii qaba, dhugaadhaan illee. Nuti illee waa’ee isaa dhugaa ni baana, akka dhuga ba’umsi keenya dhugaa ta’e isini beektu. 13 Waanan isiniif barreessu waan heedduun qaban ture, garuu qalamaa fi waraqaan isiniif barreessuu hin barbaadu. 14 yeroo dhiyoottiisin arguu nan hawwa, fuulaa fuulaanis ni haasofna. 15 Nagan isiniif haa ta’u. obboolonni nagaa siif dhaamu. Obbooloota achi jiran maqaa waamii naaa itti naaf himi.