1

1 Maanguddii irraa kaasee hanga ishee filatamtee fi ijollee isheetti, kan an dhugaadhaan jaal’adhu, ana qofaa miti, warra dhagaa beekan hundumaas, 2 Sababii dhugaa isa nu keessa jiruu fi bara baraanis nuu nu wajjin jiraaatuuf. 3 Ayyaanni, araarrii fi dhugaan Waaqayyo abbaa fi Yesuus Kiristoos biraa nuuf haa ta’u,ilma Waaqayyoo, dhugaa fi jaalala keessaan. 4 Ijoolleen keessan keessaa warra dhugaan adeeman arguu kootti guddaan gammade, akkuma abboommii isaa abbaa biraa fudhanne. 5 amma isinin kadhadha, akka nama abboommii haaraa isiniif barreessuutti miti, garuu isun jalabaa kaafnee qabnu malee. Akka wal jaallannuuf. 6 Kun jaalala, akka abboommii isaatti akka adeemnuuf. Kun abboommiidha, akkuma jalqabaa kaasee dhageessan, isa keessa akka adeemtaniif. 7 warri nama gowwomsan baay’een biyya lafaa keessatti ergamanii waan jiraniif, isaan akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin ba’ani. Kun isa sobaadhaa fi faallaa Kiristoosi. 8 Ofii keessan ilaalaa, waanta itti dhamaane akka hin dhabnetti, garuu immoo badhaasa guutuu akka argattaniif. 9 Namni gara fuula duraatti hin adeemnee fi barsiisa Kiristooos keessatti hin hanfne Waaqayyoon hin qabu. Namni barsiisachatti qabamee hafu, inni abbaa fi ilmas qaba. 10 Namni tokko yoo gara keessan dhufee barumsa kana immoo hin fidu ta’e, gara mana keessaniitti isa hin fudhatinaa, isas hin dubbisinaa. 11 Namni nagaa gaafatu, hojii isaa isa hamaa keessatti hirmaachuu isaati. 12 Ani waanan isiniif barreessuu baay’een qaba, garuu waraqaa fi qalamaan isiniif barreessuu hin barbaanne. Garuu, gara keessan dhufee fuulaa fuulaan isinitti haasa’un barbaada. Akka gammachuun keessan guutuu ta’uuf. 13 Ijoolleen obboleettii keessan ishee fo’atmamtuu nagaa isin gaafatti.