3

1 Kanaaf, yeroo kana caalaa baachuu dadhabnetti, Ateenaatti qofaa isaa isa dhiisuun gaariidha jennee yaadne. 2 Ximotewosiin ergine, Waaqayyoodhaaf, wangeela Kiristoos keessatti obboleessaa fi hidhata hojii keenyaa, akka inni amantii keessanitti isin jajjabeessuuf. 3 akka namni tokko illee rakkina kanaan hin raafamnetti. Akkuma isin beektan nuti kanaaf muudamne. 4 Dhuguma, nuti isinii wajji turre, akka rakkinnii nurra ga’uuf jiru dursinee isinitti himneerra, akkasumas ta’e, akkuma beektan. 5 Sababii kanaaf, yeroo kana caalaa obsuu dadhabe, waa’ee amantii keessanii baruufin erge. Tarii inni qoru hanga tokko isin qoreera ta’a. dhama’uun keessanis akkasumaani. 6 Ximotewos isin biraa gara keenya dhufe,e oduu gaarii waa’ee amantii fi jaalalaa fide. Akka isin yeroo hundumaa nu yaadattanis nutti hime. Akkuma nutis isin arguu yaadni, isinis akka nu arguudhaaf yaaddan. 7 Sababii kanaaf, obbolootaa, nuti isiniif jajjabaanne amantii keessan irraan kan ka’e. dhiphinaa fi gidiraa keessatti. 8 Ammaaf ni jiraanna; yoo gooftaatti jabaattanii dhaabattan. 9 Waa’ee keessaniif kan ittiin Waaqayyoon galateeffannu, gammachuu fuula Waaqayyoo duratti qabnu hundumaa akkamitti ibsninaree? 10 Halkanii fi guyyaa cimsinee kadhanna, fuula keessan arguudhaaf, akkasuma waan amantii keessatti isinitti hirata isiniif kennuudhaaf. 11 Waaqayyo abbaan keenya ofii isaatii fi gooftaan keenya Yesuus, karaa keenya gara keessanitti haa qajeelchu. 12 Gooftaan jaalala isin walii keessaniif qabdan guddisee haa baay’isu; gara namoota hundumaattis, akkuma nuti isiniifis goonu. 13 Inni garaa keessan haa jabeessu, akka isaan Waaqayyoo keenyaa abbaa duratti qulqullummaatti muda maleessa ta’aniif yeroo dhufaatii gooftaa Yesuusitti namoota isaa qulqullaa’ota hundumaa waliin.